Logo Lanfrica

MANA MURTII AADAA KEESSATTI XIINXALA CALAQQEE DUUDHAALEE UUMMATA OROMOO, HAALA QABATAMA MAGAALAA ROOBEE GANDA CAFFEE DOONSAA

Creator:
TSA
Editor:
B.
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
AXEREERA   Qorannoo kana gaggeessuuf wanti qorattuu kakaase dhimmaa mana murtii aadaa kun haaraa ta’uufi hojii keessa galaa jiruufi dhimma seeraafi duudhaalee Oromoo mudatu kana adda baasuun qorachuun waan barbachiseefi. Kanaafuu qorattuun haalliitti xiinxala hojii Manni murtii aadaa Magaalaa Roobee Ganda Caffee Doonsaa rakkoo qabaachuufi dhiisuu isaa addaan baastee qorannoo gaggeessuuf kaka’umsa argattee jirti. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa Hojmaata Hojii Mana murtii aadaa Magaalaa Roobee Ganda Caffee Doonsaa xiinxaluun ibsuudha. Akkasumas qorattuun kaayyoo ishee galmaan ga’uuf mala qorannoo akkamtaafi saxaxa addeessaatti dhimma baateera. Maddi odeeffannoo madda odeeffannoo sadarkaa tokkoffaa kan ta’e gaaddisa mana murtichaa daawwachuurratti kan bu’uureffatedha. Kanaaf qorattuun qabxiilee raawwii qabatamaa mana murti aadaa kanatti argamuun daawwachuu dandeessee jirti. Akkasumas abbootii dhimmaa mana murtii aadaa kana dhufan himataa, himatamaafi ragoolee akka jireen filatamaniiru. Haaluma Kanaan Dubbii mana murtii aadaa keessatti duudhaalee sirna araaraatiin tartiiba eeganii yaada yaa’aa, abbaa murtii, haala komii hinqabneen qulqulleessanii kan akkaafi garaan fixanidha. Akkasumas, mana murtii aadaa kana keessatti waldhabbiiwwan sababoota addaaddaan dhufan kan akka; hattuu qabeenya namaa fudhattu, roorroo gama bulchiinsaan dhufu, kijibaa, nama badii, wadhabbii dhuunfaa, maatii, garee k.k.f keessatti kan himataniidha. Kanarraa ka’uun yaboon akka waldhabbiiwwan uumaman sirna araaraa mana murtii aadaan furuun yeroofi baasii hir’isuun, garaan qaamolee waldhaban araarsuu malaamaltummaa irraa walaba ta’uun aadaa ummata kanaa keessatti faayidaa olaanaa kan qabuufi tajaajila gahaa namaa kan kennu waanta’eef keessi isaa cimee akkanumatti osoo ittifufee gaariidha.  1

Similar