Qorannoo kun aadaa wal gargaarsa Oromoo Arsii keessaa hirpha irratti xiyyeeffata. ka’umsa qorannichaatiin wal qabatee sababa kan ta’e hirphi dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuufi barreeffamaan dhabamuudha.Kaayyoon woliigala qorannichaas hirpha godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee xiinxalluudha.Malli qorannoon kun ittiin gaggeeffames mala akkamtaa yommuu ta’u hirmaatoota 35 mala iddatteessuu darbaa dabarsaafi akkayyootti gargaaramuun kan hirmaachiseedha. Adeemsi qorannoo kunis bifa gafiitiin, marii gareefi daawwanaatiin kan fudhatameedha. Haaluma Kanaan hirphi aadaa wal gargaarsa Oromoo keessaa yoo beellinama muudate, loon namarraa dhuman, saamichan, harki nama qal’ate, miidhaan qabeenyaafi lubbuu namarra gahe gargaarsa gostiifi ollaan nama rakkate gargaaran ta’u, kan mul’ate yoo ta’u, qorannoo kana keessatti argannoowwan qorattuun argate, aadaan walgargaarsaa hirphi barreeffamaan dhabamuu bira gahameera. Dhaloonni amma hirphatti kan fayyadamaa hin jirre ta’uu, ilma wolii hirphuun kan haphataa dhufe ta’uu kan bira gahame yoo ta’u, haalli jireenya ulfaataa ta’uu irraa kan ka’e wal gargaaruu dadhabuu bira kan gahame yoo ta’u, Yaanni furmaataa qorannoo, dhaloonni ammaa hawaasniifi qaamoleen birooleen hirpha irratti hubannoo gaarii akka horataniifi waa’een aadaa kanaa isaan dhimmee gaafii isaan keessatti uumuun akka hin banne tumsuu qabu. Duudhaa hawaasa isaanii kana irraa dhaaluun dhaloota dhufu dhaalchisuuf waan barreeffame dubbisuu, hayyoonni afaaniifi aadaa Oromoo, artistoota wojjiin ta’uun diraamaafi fiilmiin osoo hojjatamee, dhaloonni ammaa hirpha sirrittii akka itti fayyadamuufi duudhaa kana deebisee akka ijaaru shangoo garagaraa ijaaruun osoo fayyadamanii, waajjiirri aadaafi turiizimii aannichaa duudhaa kana dhaloonni ammaa akka itti fayyadamu jaarsota wojjiin osoo hojjatanii, maanguddoonni aanaa sana keessa jiran waa’ee hirphaa hubannoo ilmaan isaanii qabsiisuun dhalootatti dabarsuu danda’u
3