Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

QAACCESSA ADDADDUMMAA LOOGAWWAN OROMOO BOORANAA FI ARSII

Domain:

natural language processing
Creator:
TAS
Editor:
GOR
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Axeerera Qorannoon kun adda addummaa looga Booranaa fi looga Arsii jidduu jiru qaaccessuu irratti kan fuulleffatee dha. Qorannichi, kaayyolee gooree adda addummaa loogawwan lamaanii sadarkaa dhamsagootaa, latiilee, jechootaa fi himootaatti mul’atan adda baasuu fi dhiibbaawwan adda addummaan kun geessu irratti qaaccessa gaggeessee jira. Maddi ragaalee qorannichaa jechoota looga Booranaatiif kitaaba bu’aa qorannoo Stroomer (1995) loogicha irratti gaggeesse yemmuu ta’u, looga Arsiitiif qoratichi madda raga ti.Kanaaf, malli ragaa funaanuu hojiirra oole sakatta’a dokumantii fi mala calaqqee (introspection method) dha.Bu’aaleen qorannichaa akka agarsiisutti, adda addummaan loogawwan lamaanii heddumminaan sadarkaalee dhamsagootaa fi fufiileetti mul’ata. Kana malees, adda addummaan sadarkaa adeemsa dhamsagootaatti mul’atu ni heddummaata. Kana jechuun, jechoonni looga lamaan keessatti caasaa dhamsagootaa walfakkaataa qaban adeemsa dhamsagootaa (lassagootaa) adda adda ta’e hordofuu danda’u (fkn. xuuxta →xuuxita (LB), xuuxxa (LA)).Loogawwan lamaan jiddutti adda addummaan sadarkaa himaatti uumamu muraasa. Adda addummaan sadarkaa dhamsagootaa fi adeemsa lassagootaatti uumamu walqunnamtii yaadaa kan gufachiisuu miti. Haa ta’uu malee, adda addummaan sadarkaa jechootaa fi caasaa himaatti uumamu waliigaltee irratti dhiibbaa uumuu ni danda’a (fkn. Intaltii soomuu jirti (LB), Intalti dubbisaa jirti (LA)).7

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

KaanKhanaMadaMbayNdauOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similar

QAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHIIQAACCESSA SIRNA SEERA AALOO DUBBII JAARSUMMAA OROMOO ARSII AANAA GADAB HASAASAAQAACCESSA FAYYADAMA AFOOLAA SIRNA GUMAA FIXUU OROMOO ARSII LIXAA AANAA QOREE KEESSATTIQAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO CIMINA DUBARTOOTAA IBSAN: GODINA ARSII LIXAA AANAA DODOLAARRATTI XIYYEEFFATEQaaccessa Afoolli Oromoo kitaaba barataa Kutaa 9ffaa fi 10ffaa keessa jiru Dandeettiiwwan Dubbisuu fi Barreessuu Barsiisuu Keessatti QabuXiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

QAACCESSA QABIYYEE FAARUU GAALAA OROMOO GABRAA: GODINA BOORANAA AANAA GUCHII

AXXEEREERA Qorannoon kun mataduree'Qaaccessa qabiyyee Faaruu Gaalaa Oromoo Gabraa Godina Booranaa Aa

QAACCESSA SIRNA SEERA AALOO DUBBII JAARSUMMAA OROMOO ARSII AANAA GADAB HASAASAA

Kaayyoon qorannoo kanaa ‘’Qaaccess Sirna Seera Aaloo dubbii jaarsummaa Oromoo Godina Arsii Lixaa haa

QAACCESSA FAYYADAMA AFOOLAA SIRNA GUMAA FIXUU OROMOO ARSII LIXAA AANAA QOREE KEESSATTI

Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa fayyadama afoolaa sirna gumaa fixuu Oromoo Arsii aanaa Qoree qaaccessu

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO CIMINA DUBARTOOTAA IBSAN: GODINA ARSII LIXAA AANAA DODOLAARRATTI XIYYEEFFATE

Qorannoon kun mammaaksota Oromoo cimina dubartootaa ibsan irratti xiyyeeffate. Kaayyoon guddaan qora

Qaaccessa Afoolli Oromoo kitaaba barataa Kutaa 9ffaa fi 10ffaa keessa jiru Dandeettiiwwan Dubbisuu fi Barreessuu Barsiisuu Keessatti Qabu

Axareeraa   Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon faayidaa afoolli kitaabbilee barnoota Afaan Oromoo

Xiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

Qorannoon kun, adeemsa raawwii sirna maqbaasa ilma angafaa Oromoo Booranaa irratti xiyyeeffate. Saba