Logo Lanfrica

Xiinxala dhiyaatina namaafi uumamaa asoosama <i>Arraa Gurbaa!</i> keessatti

Domain:

natural language processing

Record type:

paper
Creator:
AsaAshTaa
Publisher:
Afr
Host:
Kaayyoon barruu qorannoo kanaa dhiyaatina namaafi uumamaa asoosama Arraa Gurbaa! Keessatti mul’atu xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaa xiyyeeffannoon gama dhiyaatina namaafi uumamaa ogbarruu Oromootiin qeeqni gaggeeffame laafaa ta’uufi qorannoon dhiyaatina namaafi uumamaa asoosama Oromoo irratti gaggeeffamuun xiyyeeffannoo kan hinarganne ta’uudha. Qorannoon kun qorannoo akkamtaa keessaa ibsaa ta’ee, mala caasessummaan boodaan xiinxalli gaggeeffame. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, malli xiinxala barruu ragaalee xiinxaluuf dhimma itti kan bahamedha. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisan madda ragaalee tokkoffaa asoosama filatame irraa kan argamedha. Bu’aan qorannichaas, asoosamicha keessatti ilaalcha bineensotaaf amala namaa gonfachiisuun dhiyeessuun bineensonni amala diddaa, gootummaafi gamtaa qabaachuun bineensota biroo wajjin hariiroo eeyyessaa/ hi’entaa uumuun olaantummaan bocamuu agarsiisa. Amalli dhala namaa bineensotaaf kennamus, maatiin namfakkii muummee akka bineensota kanaatti diddaa, gootummaafi gamtaa akka hinqabneen bocamani. Faallaa kanaan, dhalli namaa amala bineensaa fudhachuun nama akka isaa miidhuu maatiin namfakkii masaanuu amala akka bineensaatti nama miidhuutiin fakkoommiin kan dhiyaatanidha. Bineensonni amala namaa fudhachuu faallessuun dhalli namaa amala bineensaa fudhachuun iddoon lakkuu faallaa dhala namaa/ bineensa dhaabbataa ture jijjiiramuun bineensa/ dhala namaa ta’uu agarsiisa. Barruun bineensotaafi beeyladoota ija garaagarummaafi jijjiiramaa irraa jalummaa olaantummaafi gadaantummaatiin dhiyeessee jira. Ta’us, barruun yaadicha jijjiiruun bineensota ilaalcha gadaantummaatiin dhiyaatan wiirtuutti deebisuun kunuunsa isaaniif taasifame ibsee jira. Haala kanaan, bu’uureessummaa namwalakkoomsaa aadaa warra Dhihaa dhimma namaafi bineensaa addunyaa Oromoo biratti geeddaramaafi hariiroon namaafi uumamaa asoosamicha keessatti dhiyaates hedduufi jijjiiramaa ta’uu agarsiisa. Dhiyaatinni asoosamicha keessaas namaafi bineensa walitti fiduun daangaan namaafi bineensaa gidduu jiru falmisiisaa akka ta’e qorannichi ni mulisa. English Abstract The main objective of this study is to analyze the representation of the human and natural in the novel Arraa Gurbaa! To achieve this, a qualitative textual analysis was conducted, critically examining purposively selected extracts from the primary source. The study employed qualitative methods of data collection and analysis. Drawing on a poststructuralist perspective, the study investigates how the text destabilizes traditional boundaries. The findings reveal that the novel anthropomorphizes animals, depicting them with traits of resistance, heroism, and unity, which initially sets up binary polarities (positive vs. negative relationships) among different animal groups. Conversely, while these animals exhibit heroic qualities, the protagonist’s family is portrayed as lacking groups. and unity. Meanwhile, the antagonist's family undergoes a form of zoomorphism, adopting predatory, animal-like characteristics to harm others. By contrasting this anthropomorphism (animals taking on human traits) with zoomorphism (humans taking on animal traits), the novel deconstructs and inverts the traditional human/animal binary opposition into an animal/human dynamic. Furthermore, while the text initially presents one group of animals as dominant and another as subordinate, it ultimately disrupts this hierarchy by centering the care and agency of the marginalized animals. In conclusion, the study demonstrates that the foundational anthropocentrism of Western culture, which views human and animal domains as rigidly separate, is highly fluid and changeable within the Oromo worldview, ultimately rendering the boundaries between human and animal deeply controversial. Keywords: Representation, unstable nature, posthumanism, anthropcentirism

Similar