Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

Xiinxala Waldiddaafi Danqaalee Jireenyaa: Fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu Keessatti

Domain:

natural language processing

Record type:

paper
Creator:
KitBalDhi
Publisher:
Jor
Host:avatar
  Kaayyoon qorannichaa waldiddaafi danqaalee hawaasummaa fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu keessatti mil’atan xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun iddatteessuu miti carraa akkayyootiin madda ragaa lammaffaa kan ta’an fiilmiiwwan Afaan Oromoo (Eelaafi Miixuun) filatamanii jiru. Mala funaansa ragaa daawwannaatti dhimma bahuun sakatta’a dookimeentii suur-sagalee taasifameen odeeffannoon fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu irraa daawwannaa suur-sagaleetiin walitti qabamanii jiru. Yaaxxina hawaasummaa bu’uureffachuun ragaaleen mala akkamtaatiin xiinxalamani. Argannoowwan qorannoo kanaatiin, fiilmii Eelaa keessatti danqaafi waldiddaa jireenya hawaasummaa keessatti mul’atan mo’achuuf amanamummaadhaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uun mul’atee jira. Danqaafi waldiddaa mudatuuf osoo harka hinkennatin obsuun, iccitii qabachuufi wal’aansoon taasifamu abdiifi egeree fuulduraaf murteessaa ta’uun kan keessatti mul’ateedha. Fiilmii Miixuu keessatti waldiddaafi danqaaleen mul’atanis cunqursaa, ajjeechaa, biyyaa baafanuu, hidhamuufi saamicha kanneen aangoo qabaniin hawaasa irratti taasifameetu keessatti mul’atee jira. Hawaasni danqaafi cunqursaaf osoo harka hinkennatin wal’aansoo qabuufi dura dhaabbachuun wareegama barbaachisu baasuun isaa ni mul’ata. Miixuu jireenyaafi roorroo taasifamu keessatti dukkanaafi garbummaa keessaa gaaf tokko ifatti nan baha jedhanii obsuun Guyyaan tokko jira jedhanii eeggachuufi miixuu ta’ee mul’ata. Danqaa aangoo siyaasaatiin taasifameen beenyaa gahaa malee lafti qonnaa abbootii aangootiin fudhatamee dukkana keessa jiraachuu hawaasa irra gahaa ture. Waggaan 28 turtii bulchiinsaa sirna siyaasaa abbaa irree kan aangoo irra tureefi dhalootni sirnicha keessatti dhalate garbummaa nuffuun kan of irraa fonqolche ta’uutu mul’atee jira. Waggoota kana keessa qeerroon garbummaafi cunqursaaf osoo harka hinkennin of irraa qolachuuf hidhaafi ajjeechaaf akka saaxilame qorannichaa agarsiisa   Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 2 No. 1 (2024): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ) Jildii 2 Maxxansa 1

Visit

doi.org

Languages

JiruKaanKhanaMadaMalaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Tags

EelaaMiixuuDanqaaWaldiddaa

Licenses

Creative Commons Attribution Non Commercial 4.0 Internationalhttps://creativecommons.org/licenses/by-nc/4.0/legalcode

Similar

Xiinxala Ittifayyadama Afaanii: Fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu Keessattii

Xiinxala Ittifayyadama Afaanii: Fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu Keessattii

  Kaayyoon qorannoo kanaa, ittifayyadama Afaanii keessatti hiikdubbiifi malleen dubbii fiilmiiwwan