Qorannoowwan caasaa dhamjechoota afaanichaa irratti hojjataman hedduun haajiraatan malee, xiinxalli uumamaafi hormaata maqaalee looga Arsii irratti xiyyeeffate hin jiru. Qoratichi kanuma ka’umsa godhachuudhaan kaayyolee caasaa uumama maqaalee, hormaata maqaaleefi bamaqaalee, akkasumas adeemsa lassagaafi amala dhissagaa uumamaafi hormaata maqaalee loogichaa irratti xiinxala gaggeessee jira. Maddi ragaalee qorannichaa kitaaba ‘Seera Fuudhaa-Heeruma Oromoo Arsi’ii’, barruulee kuusaa afoolawwaniifi qoraticha. Maddi ragaalee mala akkayyootiin filatamanii jiru. Tooftaan funaansa ragaalee irra caalatti tajaajilame sakatta’a dokumantiiwwaniiti. Ragaaleen funaanaman walfakkeenya tajaajila isaaniitiifi tartiiba hubatamuu danda’aniin qindaa’anii qubeewwan barruu idilee keessatti tajaajilamaniin barreeffamuudhaan qaacceffamanii jiru. Bu’aawwan qorannichaan bira gahaman, looga Oromoo Arsii keessatti maqaaleen karaalee gurguddoo sadiin (yaasaa, tishoofi dhissaga jijjiirachuun) uumamu. Maqaaleen yaasaa jechoota garee gochimaa, maqibsaa, jechoota akkeessa sagaleefi maqaa haadhoo irraa uumamu. Maqaaleen tishoo immoo maqaafi maqaa yookaan, maqaafi garee jechaa biroo irraa uumamuu danda’u. Maqaaleen karaa yaasaas ta’e tishootiin uumaman dhamjecha (maqeessituu) bifa maxxantuutiin yookaan bifa dhamjecha dhokataatiin ni fudhatu. Maqaaleen nama dhuunfaa dubbachiiftuu gabaabaadhaan xumuraman maayii matimaafi maayii antimaa agarsiisuuf walduraaduubaan dhamjecha dhokataa (Ø) fi {-n} fudhatu. Maayiin abbummaafi fayyadamummaa-(’)TT dabalachuun agarsiifamu. Dabalataan, loogicha keessatti maayiin bakka gahumsaa {-n}, gara….-TTfi (Ø) dhaan adda baafama. Unkaaleen addiraa beekamummaa mul’isuuf tajaajilan {-ichcha/-attii}, {-tichcha/-tittii} fi {-an} yemmuu ta’an, unkaaleen mit-beekamummaa maqaalee mul’isuuf oolan {tokko/takka} fi {woyii} dha. Loogicha keessatti fufiileen maqaalee abgochaafi maqaalee nama dhuunfaa irratti danooma agarsiisan wal duraaduubaan {-to(o)ta} fi {fa’a} yemmuu ta’an, maqaaleen biroo immoo adda addummaa unkaaleefi tajaajila isaanii irratti hundaa’uudhaan fufiilee adda addaa maxxanfatuu danda’u. Kana malees, unkaaleen tajaajila xiyyeeffannoo kennan {-tu}, {-umti}, {-ummaan}, {-nuu}, {-tuu} {-uma}, {-n} fi (-TT) yemmuu ta’an, dhamjechoonni koorniyaa bifa maxxantootaatiin galan muraasa. dhamjechoonni hortee armaan olitti ibsaman lama yookaan lamaa ol ta’anii maqaa tokko irratti wal duukaa hiriiruu ni danda’u. Haaluma kanaan, maqaan tokko addiraa beekamummaa dursiisuudhaan, dhamjecha xiyyeeffannoofi dhamjecha maayii meeshaa wal duraaduubaan maxxanfachuu ni danda’a (fkn. sangaa–ichcha-uma–aa–n →sangichchumaan). Ol ka’uufi gad bu’uun dhissaga birsagootaa uumama maqaalee yaasaafi tishoo keessatti qooda ni fudhatu. Kana malees, jijjiiramni dhissaga birsagootaa garaagarummaa maayiiwwan maqaalee agarsiisuu danda’a. Walumaagalatti, maqaaleen Afaan Oromoo loogicha keessatti argaman unkaafi tajaajila isaanii irratti hundaa’uudhaan dhamjechoota hortee tajaajilaafi unkaalee adda addaa qaban fudhachuu ni danda’u. Jechoota Ijoo: dhamjecha, fufii, , hormaata maqaa, looga Arsii, maqaa, uumama maqaa