Logo Lanfrica

Ijaarsa Eenyummaa Garee Geerarsa Oromoo Keessatti

Domaine:

natural language processing
Créateur:
TasWaaAbd
Éditeur:
Jor
Hôte:avatar
Qorannoon kun ‘Ijaarsa Eenyummaa Garee Geerarsa Oromoo Keessattii’ kan jedhu irratti geggeeffame. Kaayyoon ijoo qorannichaas geerarsi Oromoo haala kamiin eenyummaa garee akka ijaaru xiinxaluudha. Ka’umsi bu’uuraa qorannoo kanas hubannoo dabaa namoonni hedduun eenyummaa garee irratti qabanidha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsaa yoo ta’u, maddeen ragaalee isaas dardaggoota, maanguddoota, barreeffamoota hinmaxxanfamneefi waajjiralee garaagaraa keessa jiranidha. Malleen iddatteessuu iiti dhimma ba’aman immoo mala kaayyeffataafi mala darbaa dabarsaa yommuu ta’an, ragaaleen qorannichaas daawwannaa, marii garee, afgaaffiifi sakatta’a dookimantiitiin funaanamaniiru. Ragaaleen argatamanis malleen galmeessa ragaalee kanneen akka: suuraa kaasuu, waraabbii suursagalee, warabbii sagaleefi yaadannoo dirree qabachuutiin galmeeffamuu/fudhatamuu danda’aniiru. Geerarsoota funaanaman keessattis eenyummaa gosaa yookaan qomoo, eenyummaa bakka jireenyaafi eenyummaan garee haala hojii ibsamanii jiru. Hawaasni Oromoos geerarsaan eenyummaa gosaa yookaan qomoo, kan bakka jireenyaa kanneen akka godina, aanaafi gandaa; akkasumas, haala hojii qonnaan bulaa, daldalaa, barataa, goota, dubartummaafi kan kana fakkaatan irratti hundaa’uudhaan eenyummaa garee akka ijaarratu bira ga’ameera.  Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 3 No. 1 (2025): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ), Jildii 3, Maxxansa 1