Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffate raawwii gumaa danuu: haala Godina Baalee, Aanaa Sinaanaa keessa jiru qaaccessuudha. Haaluma kanaan, qorattuun fixaa gumaa danuu Oromoo Tuulamaa Aanaa Sinaanaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun qaaccessitee jirti. Mata dureen qorannoo kun akka qoratamu ka`umsa kan ta`e; gumaan danuu gama nageenyaafi tasgabbii uummataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uun osoo beekkamuu, xiyyeeffannoon gumaadhaan dubbii fixachuu caalaa gama seera idileetti deemuun bal’innaan mul’achuu isaati. Haaluma kanaan, madda ragaa qorannoo kanaa kan ta’an maanguddoonni Aanaa Sinaanaa keessaa dhimma fixa gumaa irratti hirmaachaa turan tooftaa eddattoo mit-carraa akkayyoo fi darbaa dabarsaatti jedhamee beekkamuun filatamanii jiru. Meeshaalee ragaan qorannoo ittiin funaanaman daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannaatiin yoo ta’u mala akkamtaatti gargaaramuun ragaaleen kunniin xiinxallamee jira. Bifa kanaan, ragaa qaacceffame kanarraa, argannoowwan qorannoo adda bahankanneen armaan gadiiti. Isaanisgumaan danuu kan bahuu namni nama biroo harkatti akka tasaa kan du’e yoo ta’u; Jaarsi Tuulamaa bahe jaarsota gosa lamaanii wajjiin ta’uun galtee kana ilaala. Yoo abbaan yookan gosti daneesse sun amane, waan jilbi gumaan danuu qabduun dhumata. Yoo garuu, kan didu ta’e, bokkuun murtii akka laga hin ceene, gabaa hin baane, yoo namni jalaa du’e irraa akka hin awwaalamne, gosa biroo irraa intala fuudhuufi ittis gurguruu akka hin dandeenye, walumaagalatti hanga guyyaa gumaa kanaa ofirraa fixutti dubbii Oromoo kamiyyuu keessatti bahee dubbachuu akka hin dandeenye itti murtaa’a. Dhumarratti, ajjeechaa uummame seera gumaa danuu qabduun fixatan kun akka dagaaguuf, aanicha keessatti qaamonni seeraa haala cimina qabuun abbootii Gadaa fi jaarsota waliin hariiroo gaarii uumuudhaan waliin hojjechuun baarbaachisaadha jechuun qorattuun yaboo jettee jirti.