Qorannoon kun "Xiinxala Sirna Dhibaafannaa Godina Arsii Lixaa , Aanaa Nageellee Arsii" keessatti kan gaggeefamedha, kaayyoon qorannaa kanaas sirna dhibaafannaa Aanaa Nageellee Arsii xiinxalleera . Waa'ee mata duree kanaa hubannoo horachuun kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf yaadarimeewwan sirna lufiinsaa, sirni dhibaafannaa ummaata Oromoo biratti maal akka fakkaatu, hirmaattootni isaa eenyufaa akka ta'an, yoomeessa maal keessatti akka raawwatamu sakatta'uun faayida qabeessummaaan isaaniillee xiinxale kaayyoon qorannichaa akka galma gahu godhameera.Yaada kana irraa ka'uudhan maddi raagaa qorannoo kanaa manguddootaafi haawwota aanaa Nageellee Arsii Sirna dhibaafannaa irratti muuxannoo qaban irraati. Malli odeeffannoon ittiin sassaabame afgaaffii,daawwannaafi marii garee yoo ta'u, odeeffannoo kennitoonni mala filaannoo iddattoo miti carraan kan filataaamanii odeeffanoon irraa sassaabbameedha. Haaluma kanaan,bu’aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti hawaasni Oromoo kun sirna dhibaafannaa bifa garagaraatiin raawwachuun muuxannoon,beekumsiifi qaroominni namoonni jiruufi jireenya isaanii keessatti kuufatan dhalootaa dhalootatti daddarbaa kan dhufeedha ; ammas dhaloota haaraaf bifa barreeffamaan taa’uu akka qabaatu hubatameera. Muuxannoofi qaroominni sirna dhibaafannaa hawaasa Oromoo biraa burqan kannen sanyii eebbisan, olaantummaa diina irratti gonfachiisan, gogiinsa hanbisan, tokkummaa cimsuun eenyuummaa ofii fuulduratti ceesisuun gumaacha guddaa akka qaban guduunfaa irraa hanga ta’e hubachuun hubatameera. Aragannoon Qorannoo kana dhibafannaan bifa barreeffamaafi sur-sagaleen waraabamee akka hawaasnii irra barachaa aadaa duraan dagamee akka kuunuufamu bira gahameera . Akaakuwwan dhibaafannaa barachuu keessattii hawaasni Oromoo Godina Arsii lixaa aanaa Nageellee Arsii dhibafannaan maalif akka fayyadaman,eessatti akka fayyadaman akka addan baafatan taasiifameera kanneen jedhaman yaboo jalatti eeramaniru.4