AXEREERAA Qorannoon kana adeemsisuun kan barbaachiseef Barattoonni Mana barumsaa shaakkisoo sadarkaa lammaffaa kutaa kurnaffaa hedduun isaanii Afaan Oromoo walqunnamtii geggeessuurratti rakkoo guddaa qabu ture. Keessattuu barattoonni Afaan Oromoo akka Afaan lammaffaatti baratan.Sababoonni ijoo ta’uu malan jedhamaniis, dhiibbaa tooftaan barnoota afaanii isa barsiifataa, kaka’umsa barsiisaniifi adeemsa barnoota walqunnamtiincaasluga barsiisurratti qaban ture. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa tooftaa walqunnamtiin, barnoota caasluga Afaan Oromoobarsiisuu xiinxaluudha.Qorannoo kana gaggeessuuf mala saxaxa Akkamtaafi Hammamtaa (Makkootti) fayyadameera. Odeeffannoon kan walitti qabame madda raga tokkoffaa yoo ta’u, isaanis barattootaa 60fi barsiisota 4fi Dura bu’aafi Itti aanaa dura bu’aa tokko tokkodha. Odeeffannoo meeshaalee funaansa raga tokkoffaa kanaas, Bargaafii, afgaafiifi Dawwannaa kutaati.Qarannoo kana qaaccessuuf Istaatiksii Addeessittuu fayyadameen jira. Qabxiin3.4 yoo ta’u,adeemsibaruu barsiisuu barataa irra, guutumaa guutuutti kan barsiisaa giddugaleessa godhateedha gara jedhutti nama geessa.Qabxiin giddugaleessa 3.75 yoo ta’u,carraan /haalli/ barnoota caasluga tooftaa gochoota adda addaa ittiraawwatamu kan hinjirre ta’uu; kaka’umsifi fedhii barsiisonniwalqunnamtiin caasaa caasluga itti shaakalchiisan jiraachuu dhabuu; haalli teessuma daree qindoomina dhabuu, dalagaaleen kutaa, hundibarsiisaa qofakan hojjetamuu ta’uu,agarsiisaan barsiisuu dhabuun, Meeshaalee deggarsa barnootaa qopheessuufi itti fayyadamuun dhabuun. Kanaafuu, barsiisonni: barattoonni isaaniiadeemsa barnootaa keessatti akka hirmaatan kaayyoofi qabiyyee barnootichaa ibsuu, mata dureewwaniifi hojiilee kutaa jijjiiruu, wantoota/ meeshaalee ijaan mul’ataniifi kaayyoo hojiilee faana deemanitti fayyadamuu; bakka namee dhiyeessuudhaan kakaasuu (si’eessuu);hanga sodaarraa bilisa ta’anitti hiriyyummaa/walitti dhufeenya/ cimsuu qabu.Ogeeyyiin barnootaas, barsiisonni akka carraa leenjii adda addaa akka argatan osoo taasisanii qaamni hunduu bu’a qabeessa ta’a.