Logo Lanfrica

XIINXALA YAAD-DEEBII BARSIISONNI BARREEFFAMA AFAAN OROMOO BARATTOOTAAF KENNAN: MANA BARUMSAASADARKAA 2FFAA DIIMTUU KUTAA 9FFAA IRRATTI XIYYEEFFATE.

Domaine:

natural language processing
Créateur:
GUU
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
AXEREERAA Kaayyoo waraqaa qoraannoo kanaa, yaad-deebii barsiisonni barreeffama Afaan Oromoo baratootaaf kennanxiinxaluudha.Mana barumsa sad. 2ffaa Diimtuu kutaa 9ffaa kutaa Afaan Oromoo keessatti dandeettii barreessuu barattootaa guddisuuf yaad-deebiin barsiisotaan barattootaaf kennamu laafaa ta’uunsaa qoratichi mata duree kanarratti waraqaa qorannoosaa akka gaggeessuuf kan isa kakaase yommuu ta’u, waraqaan qorannoo kunis mana barumsa sadarkaa 2ffaa Diimtuu kutaa 9ffaafi yaaddeebii barreessuu barsiisonni barattootaaf kennan irratti kan daangaheedha. Akkasumas, qoraannoon kun mala qorannoo makaafi madda ragaa tokkoffaatiin kangaggeeffameedha. Barattoonniifi barsiisonni mana barumsa sadarkaa lammaffaa Diimtuu iddattoo qorannichaa yommuu ta’an, mala iddatteessuu carraa tasaatti dhimma bahamee jira.Meeshaaleen funaansa ragaalee afgaaffii, bargaaffiifi sakatta’a galmee yoo ta’u, ragaaleen haala kanaan funaanaman mala qaaccessa makaatti gargaaramuun xiinxalamanii jiru.Barsiisonni yaadeebii barreeffama barattootaa barreessuu booda kennuun dogoggora isaanii ammoo ofumaa isaanii akka walii sirreessan gochuun qabxii qofa kennanii darbuu, barattoonni dandeettiin barreessuu isaanii akka gabbatuuf gaheen barsiisaa olaanaa akka ta’eefi irra caalaan barattootaa yaadeebii barreeffama isaanii irratti kennamuuf akka waan qabxii qofa dhabaniitti ilaaluun qabxiilee argannoo qorannoo kanaati.Barsiisonni adeemsa barreessuu barattootaa dura qajeelfama ifa ta’e kennuun hordoffii gahaa taasisuun akkasumas, irra deddeebiin shaakala barreessuu akka godhan taasisuun akka yaboo qorannoo kanaatti yaadota kaa’amaniidha.

Similaires