Logo Lanfrica

Caasaa Maayiiwwan Maqaa Afaan Oromoo Looga Arsii

Domain:

natural language processing

Record type:

paper
Creator:
AabBalJaa
Publisher:
Jor
Host:avatar
Barruun kun caasaa maayiiwwan maqaalee Afaan Oromoo (looga Arsii) xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Hanga ammaatti, qorannoowwan looga Oromoo Arsii irratti gaggeeffaman, keessumattuu maayiiwwan maqaalee irratti kanneen xiyyeeffatan baay’ee muraasa. Kanuma bu’uureffachuudhaan loogicha keessatti unkaalee maayii maqaafi akaakuu maqaalee latiilee maayiiwwanii fudhatan adda baasuuf xiinxalli gaggeeffamee jira. Kaayyolee kanneen galmaan gahuudhaaf ragaaleen qorannichaa kitaaba “Seera Fuudhaa-Heeruma Oromoo Arsi’ii (2000) jedhamuufi qoraticha irraa funaanamaniiru. Maddi ragaalee mala iddatteessuu akkayyootiin filatamanii jiru. Qorannoon kun saxaxa ibsaatiin kan dhiyaate yemmuu ta’u, ragaaleen akkaataa walfakkeenya isaaniitiin mata-duree xixiqqoo jalatti qindaa’anii mala akkamtaatiin ibsamanii jiru. Ragaaleen xiinxalaman akka agarsiisanitti loogicha keessatti maqaaleen maayiiwwan garaagaraa ni fudhatu. Isaanis matima, antima, abbummaa, fayyadamummaa, meeshaa, waamsa, yeroo raawwiifi bakkadha. Afaanicha keessatti maqaaleen nama dhuunfaa dubbachiiftuu gabaabaadhaan xumuraman maayii matimaafi antimaa agarsiisuuf wal duraaduubaan latii dhokataa(Ø) fi {-n} fudhatu. Abbummaafi fayyadamummaan -(’)TT(hudhaafi dubbachiiftuu dheeraa) dabalachuun agarsiifamu. Gaalee maqaa maayii abbummaa maxxanfate irratti fufiin maayii fayyadamummaa {-tii}dha. Maayiin bakka gahumsaa {-n}, gara….-TTfi Ødha. Dabalataan, maayiiwwan meeshaafi bakkaa qunnamsiiftota (-(M)TT)fi –’T(T) maxxanfatu. Walumaagalatti, loogicha keessatti latiileen maayiiwwanii maqaalee akkamii irratti bifa kamiin galuu akka danda’an xiinxalanii adda baasuun guddina xiinqooqa Oromootiif, akkasumas qorannoowwan caasaa dhamjechootaa afaanota birootiin walbira qabuutiif faayidaa waan qabuuf, loogawwan Afaan Oromoo biroo keessattis osoo sirritti qoratamee gaarii ta’a. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 3 No. 1 (2025): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ), Jildii 3, Maxxansa 1