Barruun kun unkaalee hormaataa bamaqaaleen Afaan Oromoo looga Arsii xiinxaluurratti xiyyeeffata. Qorannoowwan caasaa latiilee hortee Afaan Oromoo irratti xiyyeeffatan hedduun haajiratan malee, hanga ammaatti unkaalee hormaata bamaqaalee looga Oromoo Arsiirratti xiixalli hingaggeeffamne. Kanumarraa ka’uudhaan qoratichi unkaalee hormaata bamaqaalee looga Arsii ibsuu irratti kaayyeffatee jira. Kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf ragaaleen irra caalaan kitaaba “Seera Fuudhaa-Heeruma Oromoo Arsi’ii (Huseen, 2000) jedhamu keessaa kan funaanaman yemmuu ta’an, qoratichis dubbataa loogichaa waan ta’eef, ragaalee maddisiisuu keessatti qooda fudhateera. Kitaabichi mala iddatteessuu akkayyootiin kan filatame yemmuu ta’u, ragaaleen bifa sakatta’a dokumantiitiin sassaabamaniiru. Qorannichi saxaxa qorannoo ibsaatiin kan dhiyaate yemmuu ta’u, ragaaleen mala akkamtaatiin xiinxalamanii jechootaan ibsamaniiru. Ragaaleen akka agarsiisanitti, looga Arsii keessa akaakuu bamaqaalee saddeetitu (namummaa, akeektuu, iyyaafannoo, bakka, garagalchoo, fuggisoo, mit-beekamoofi ibsamaa) jiru. Bamaqaaleen namummaa, akeektuu, iyyaafannoo, mit-beekamoofi ibsamaan maayiiwwan abbummaa, fayyadamummaa, meeshaafi bakkaa maxxanfachuudhaaf bamaqaa iddoo antimaa akka unka bu’uuraatti tajaajilamu. Faallaa kanaan, bamaqaalee namummaa keessatti latiilee danoomaa, koorniyaa, gulantaa, maayii matimaafi maayii antimaa hundee jechaa irraa adda baasuun hin danda’amu. Gama biraatiin, bamaqaaleen nama dhuunfaa (’eennu, ’ebalu) fufii maayii antimaa kan maxxanfatan ta’uun xiinxalameera. Walumaagalatti, jechoota bamaqaalee jalatti ramadamaniifi akkaataa hormaata isaanii xiinxalanii ibsuun waaltinaafi guddina xiinqooqaa Oromootiif faayidaa waan qabuuf, loogawwan Afaan Oromoo biroo keessattis osoo sirritti qoratamee gaariidha. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 2 No. 2 (2024): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ) Jildii 2, Maxxansa 2