Qorannoon kun mataduree “Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti” jedhu irratti gaggeeffame. Kaayyoon qorannichaa gahee dubartootaa qoosaa Oromoo Maccaa keessatti xiinxaluudha. Qorannicha beeduubbee hiikaa (interpretivism paradigm) bu’uureffachuun gaggeeffame. Saxaxa qoranicha keessatti dhimma ba’ame saxaxa sanyaabsaadha. Gosti qorannichaa akkamtaa ta’ee, ragaalee barbaachisan madda ragaa tokkoffaarraa walitti qabaman. Ragaalee walitti qabuuf iddattoota godinoota lama keessaa aanaalee tokko tokko mala iddatteessuu akkayyootiin filatame. Ragaaleen afgaaffiifi marii garee xiyyeeffatamaan walitti qabamani. Ragaaleen walitti qabaman mala xiinxala ergaan xiinxalamani. Xiinxala taasisame bu’uura taasifachuun yaadoleen adda baafamanis, dubartoonni gahee walhormaataa keessatti bal’inaan hirmaataniyyuu gahee murtoo kennuun garuu gahee muraasa qabu. Gahee walhormaataa kanneen jedhaman: gahee dhaloota fufsiisuu, gahee daa’imman guddisuufi gahee maatii kunuunsuu, akkasumas, gahee hojii mana keessaa keessatti shoora olaanaa qabaachuun isaanii adda ba’ee jira. Gama biraan, murtoowwan gurguddoofi xixiqqoo kennuu walqabatee gaheen isaanii daangeffamaa ta’uutu mul’ate. Keessumaa murtoowwan gurguddaa murteessuu irratti gaheen isaanii xiqqaadha. Gahee walhormaataa keessatti hirmaanaa olaanaa qabaatanii gahee murtoo kennuu keessatti gahee muraasa qabaachuun isaanii jiruufi jireenya isaanii irratti dhiibbaa geessisuurra darbee humna isaanii qisaasessuu fakkaata. Kanaafuu, gahee walhormaataa keessatti qooda guddaa akkuma qaban murteewwan gurguddoos ta’e xixiqqoo murteessuu keessatti utuu bali’inaan hirmaatanii gaarii ta’a. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 3 No. 1 (2025): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ), Jildii 3, Maxxansa 1