Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

Yoomessa Taphni Ijoollee Oromoo Maccaa keessatti Taphatamu

Domain:

natural language processing

Record type:

paper
Creator:
DabJaaWaa
Publisher:
Jor
Host:avatar
Ijoolleen akka garee hawaasaatti jireenya keessatti qooda fudhatan niqabu. Qoodni hawaasummaa kun yoomessa adda addaa keessatti adda addummaa qabaata. Yoomessi taphaa mataasaatiin taphaaf haalli mijataan jiraachuufi dhiisuu, akkasumas, akaakuu tapha ijoolleen taphachuu danda’an murteessa. Fakkeenyaaf yeroofi waqtilee adda addaa keessatti wantootni hawaasni raawwatuu itti gaafatamummaa yookaan qooda adda addaa ijoolleen fudhatan murteessa. Itti gaafatamummaan adda addaa sababii adda addummaa yeroofi waqtileetiin isaan qooddatanii raawwatan, taphoota akkam akkamii taphachuun akka mijatuufi hinmijanne agarsiisa. Kana malees, bakki jireenyaafi oolmaa ijoollees wantoota qoodasaanii murteessan keessa tokko. Bakki jireenyaa magaalaafi baadiyyaa ta’uu waliin kan walqabatu yoota’u, bakki oolmaammoo yeroo boqonnaafi hojii iddoo ijoolleen itti dabarsan ilaallata. Qorannoon kunis ijoolleen Oromoo Maccaa yeroo, waqtiileeniifi bakkeen isaan keessa jiraatan itti gaafatamummaa isaan fudhatan murteessuun tapha isaaniirratti dhiibbaasaan geessisan qorachuurratti xiyyeeffata. Qorannoon kun bu’uura yaadxinoota: tajaajilaa, galumsaafi ijaarsa hawaasummaatiin adeemsifame. Ragaaleen qorannichaas aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Gachii, Najjoo, Waayyuu Tuqaafi Jimmaa Gannatiitii ijoollee, maatii ijoolleefi barsiisotarraa sassaabame. Qorannichi ragaalee ijoolleerraa bakka hojii adda addaa hojjetanitti (horii tiksuu, midhaan eeguu, mana eeguu, barumsa baratan), bakkeen taphaa adda addaatti (laga daakaa, dirree kubbaa, naannoo qe’eetti) fi yeroo ga’eeyyii waliin dabarsanitti (galgala galgala maatii keessattifi mana barumsaatti barsiisota waliin) sassaabameen geggeeffame. Kunis daawwannaa, afgaaffiifi marii garee hirmaachisaatiini. Bu’aan xiinxalliin ragaalee kanaas, Oromoo Maccaa keessatti ijoollee yeroo, bakkeeniifi waqtilee adda addaa keessatti taphoota gosa adda addaa akka taphataman agarsiisan. Kunimmoo yoomeessi tapha ijoolleen tapha ijoolleen taphatan akka murteessu mul’isa. Kanaaf, gosoota taphaa ijoolleen Oromoo Maccaa taphatan adda baasuufi guutummaatti hubachuuf yoomessa fuuleffachuun barbaachisaa ta’a.     Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 1 No. 2 (2023): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ) Volume 1 Issue 2

Visit

doi.org

Languages

NdauOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Tags

YoomessaIjoolleeTaphaOromoo Maccaa

Licenses

Creative Commons Attribution Non Commercial 4.0 Internationalhttps://creativecommons.org/licenses/by-nc/4.0/legalcode

Similar

Akkaataa Raawwii Tapha Ijoollee Oromoo MaccaaDubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa KeessattiXIINXALA QABIYYEEWWAN GOSOOTA SIRBOOTA GAA'ELAA GALUMSAA OROMOO JAAWWII MACCAA KEESSATTIFaayidaalee Sirba Gaa’elaa Oromoo Jaawwii MaccaaXIINXALA TAPHA IJOOLLEE OROMOO BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEEIJAARSA EENYUMMAA GEERARSA OROMOO KEESSATTI.

Akkaataa Raawwii Tapha Ijoollee Oromoo Maccaa

Kaayyoon qorannoo kanaa akkaataa raawwii tapha ijoollee xiinxaluudha. Ijoolleen haalota taphoonni ke

Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti

Qorannoon kun mataduree “Dubartootaafi Gahee Isaanii Qoosaa Oromoo Maccaa Keessatti” jedhu irratti g

XIINXALA QABIYYEEWWAN GOSOOTA SIRBOOTA GAA'ELAA GALUMSAA OROMOO JAAWWII MACCAA KEESSATTI

Axereraa Qorannoon kun mata duree ‘Qabiyyeewwan, Akkaataalee Dhihaannaa, Fakkoommiiwwan Mi’aale

Faayidaalee Sirba Gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa

Kaayyoon qorannoo kanaa faayidaalee sirbi gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa qabu xiinxaluudha. Qorannoo

XIINXALA TAPHA IJOOLLEE OROMOO BAALEE AANAA GURRAA DHAAMOLEE

Qorannoon kun “Xiinxala Tapha Ijoollee Oromoo Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee” irratti xiyyeeff

IJAARSA EENYUMMAA GEERARSA OROMOO KEESSATTI.

 Kaayyoon qorannoo kanaa ga"ee geerarsi ijaarsa eenyummaa Oromoo keessatti qabu xiinxaluudha. Kunis