Qorannoon kun ogbarruu Afaan oromoo keessaa Fiilmii Afaan oromoo xinxaaluu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta"u;qorataan Fiilmii Eelaa keessatti itti fayyadamni Afaanii haala kamiin akka mul"achuu danda"u xinxaluu irratti xiyyeeffata. Ka"umsa godhatee kan ka"e hubannoowwaan hedduu utuu qabu qorannoowwaan jiran haalan ifatti baasuu dhabuu yoo ta"u,akka kaayyootti immoo haala itti fayyadama Afaanii Fiilmii Eelaa keessa jiru kan qaaccesseedha.Akkasumaas gosa qorannoo keessaa qorannoo bu"uuraatti dhimmaa kan bahu yoo ta"u ,mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun kan hjetameedha.Gama biraan Oddeeffannoo mala sakatta"insa harshameetti dhimma bahuun ,barreeffama Fiilmiichaa mala dubbisa gadfageenyaafi taphii Fiilmichaa doo"achuun kan funaanname dha.Itti fayyadamni Afaanii adda bafamaan kunniiniis itti fayyadama Afaanii akkamiitti akka dhimma bahaan fi qabiyyee akkamiin akka mul"ataan bal"inaan xiinxaalamee jira.Kana malees Yaaxxinna Faayidaatti dhimma hubannoofi ergaa gama itti fayyadama Afaanii fiilmichaan jiru qaacceessuu irratti kan hojjetameedha.Qabiyyeewwaan itti fayyadama Afaanii bifa jechamootaan , fakkoommiin fi dubbii qolaan mul"ataanitti dhimmaa bahuun, Fiilmichi akkaataa sammuu namaa qirqirsuufi kaka"umsa qabuun dhimmoota hawwaasa keessatti xiyyeeffannoo barbaadaan irratti xiyyeeffachuu dhiyaachuu isaa ibsuun raagaalee dhiyaataan qaacceessuun kan hojjetameedha.Dhumarratti ragaalee xiinxalamaan irratti hunda"uun argannoo qorannichaan walqabatee itti fayyadamni Afaanii bifa jechamootaan ,fakkoomiin,mammaksan,dubbii qolaan fayyadamuun aadaa, duudhaa, safuu, bulchinsaafi siyaasa Uummatni Oromoo qabu ibsuufi gufuuwwaan gama adda addaan hawaasa kana muudate ibsuun dhaloota haara"a hubachiisuuf gahee guddaa kan qabu ta"uu hubatameera.Itti fayyadama Afaanii Fiilmii Eelaa hawaasni Oromoo filannoo jechootatti fayyadamuu irratti gahumsa cimaa qabaachuu kan ibsuudha. Yaata"u malee Fiilmicha keessatti wantootni akka hanqinaatti ka"aniif yaadni fuurmaataa kaa"ame, jechootnifi dubbiiwwaan qolaa Fiilmicha keessaatti argamaniif dawwatttootaas, ta"ee qopheessaan baay"inaan xiyyeeffannoo utuu laatamee ,akeeka gara fuula duraa utuu kahamee, akkasumaas yoomessi isaa sirritti utuu adda baheefi taatotni tokko tokko irra deebii"uun utuu hafee irra caalaa miidhagina gonfachuun kan mul"atu ta"uu isaa akka yaabootti kan lafa kaahameedha.
3