Logo Lanfrica

XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII WALALOO "SINGIGGOO" JEDHU KEESSATTI

Domain:

natural language processing
Creator:
GIR
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
AXAREERAA Qorannoon kun walaloo “Singiggoo” jedhu keessatti haala barreessaan itti fayyadama afaanii hojiirra olche xiinxaluu irratti geggeeffamee jira. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga"uuf qorataan mala qorannoo ibsaafi saxaxa qorannoo ibsaa fayyadama afaanii (discourse analysis) qaacceessuuf fayyadamee jira. Qorannicha geggeessuufiis kitaabilee walaloo barreessitoota Oromoon barreeffamanii dubbisaaf dhihaatan keessaa kitaaba walaloo “Singiggoo” kan barreessaa Abrahaam Tasfaayeen barreeffame tooftaa iddatteessuu akkayyoon filatamee jira. Ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisaniis sakatta"a kitaabaan kan walitti qabaman yemmuu ta"u, qorataan cheekliistii gaafannoo kitaabileen ittiin sakatta"aman fayyadamuun walitti qabatee jira. Ragaaleen waliitti qabamanis mala qaacceessa fayyadama afaanii (discousrse analysis method) fayyadamuun qaacceeffamanii jiru. Qaacceessa taasiifame irraas barreessan walaloo “Singiggoo” gosoota fayyadama afaanii mul"atoofi dhokatoo, malleen dubbii, filannoo jechootaa, jechoota safuu, jechoota waltawoo, jechoota loogaa akkasumaas fayyadama afaanii jiruufi jireenya hawaasaa ifaa ifatti baasuun agarsiisuu, aadaa, safuu, duudhaafi ilaalcha uummata Oromoo kaabaa-kibbaa, bahaa-dhihaa agarsiisu fayyadamuu isaa argannoon argamee jira. Dabalataaniis, barreessan kun gosoota fayyadama afaanii kanneen akka fayyadama afaan siyaasaa, falaasama, barnoota, amantaa akkasumaas kan aadaa fayyadamuu isaa agarsiisee jira. Gosota fayyadama afaanii kunneen immoo bifa ibsaan, addeessaan, amansiisaanfi bifa seeneessaan agarsiisuu danda"ee jira. Kana malees, walalicha keessatti fayyadamni afaanii miira ofitti harkistummaa, istaandaardii walaloon barbaadauun barreeffamuu isaa, guddina Afaan Oromoo dabaluu keessatti gahee ol"aanaa qabaachuu isaa hubachuun danda"amee jira. Argannoo argame irratti hundaa"uunis qorataan barattootaaf, barsiisotaaf, barreesitoota kitaabileefi qorattoota gara fuulduraaf yaboo kaa"ee jira.

Similar