Qorannoon kun mata-duree “Qaacceessa Haasbarruu Sirna Kaadhimachuu Oromoo Baalee Aanaa Goobbaa“jedhurratti hundaa’uun adeemsifame. Haala raawwii sirna kaadhimachuu keessatti wantoota hawaasni dubbiidhaan raawwatu funaanuudhaan haasawni achi keessatti raawwataman qaacceffamaniiru. Qorannoo kana gaggeessuudhaaf wanti qorattuu kakaase, yoomessa kaadhimachuu kana keessatti Oromoon Baalee Aanaa Goobbaa hasbarruun sirna kaadhimachuu ilaalchisee hanga ammaa wanti qoratamee jiru waan hin jirreef qorattuun tuniis qorattee dhaloota dhufuuf galmeesitee kaa’uufi. Qorannoowwan kanaan dura waa’ee fuudhaafi heerumaa irratti hojjataman adeemsaafi gosoota fuudhaafi heerumaa qofa ibsan malee, haasbarruu sirna kaadhimannaa addatti kan hojjatan hin jiran. Kanaaf qorannoon kunis kan hojjatame qaawwa kana duucha jedhameeti. Odeeffannoon qorannoo kanaa adda durummaan manguddoota, haawwotafi dargaggootaa Oromoo Godinna Baalee aanaa Gobbaa keessa jiraatan keessaa Mala Iddatteessuu Kaayyeffataa fi darbaa dabarsaaa fayyadamuuni. Ragaa qorannoo kanaa kan funaane, afgaaffiin, marii gareefi daawwannaani. Ragaaleen funaanaman mala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffame jira. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, fayyadamni haasbarruu Sirna Kaadhimachuu Oromoo Baalee Aanaa Goobbaa keessatti kan mul’atuu ta’u illee dhaloonni ammaa hasbarruu yoomessa Kaadhimannaa keessatti sababa dhiibbaa amantii irraa kan ka’e hasbarruu isaa dagatmaa dhufeera. Inni biraa, fayyadamni haasawaa sirna kana keessatti dubbatamu mirga dubartootaa eeguf ta’uusa.Dabalataanis, fayyadamni haasawaa yoomessa Kaadhimachu keessatti maangudootniifi haawootni gahee gargara kan qaban akka ta’ee dha. Adeemsa siri kaadhimannaa kun akka hin dagatamneef maangudoonni sirna kanatti dhimma bahuun labata dhufuuf dabarsuu qabu. Dargagoonnis maangudoota irraa sirna kan gaafachuun dagaagsaa deemuu qabu. Dabalataaniis waajjirri Aadaafi Turizimii Aanaa Goobbaas haasbarruu sirna kanaa waraabbiiniis ta’ee barreeffamaan ol kaahachuun dhaloota dhufuuf dabarsuun kaahuu qaba.