Kaayyoon qorannoo kanaas sirna guddifachaa daa"immanii qaaccessuudha. Qorannoon kun saxaxa qorannoo ibsaatti dhimma bahuun qaaacceeffamee dhihaateera. Dhimmoota mata duree kanaan walqabatan xiinxaluuf, odeeffannon maanguddootaafi hawaasa aanaa Sinaanaa kan funaanaman yoo ta"u akkasumas toora intarneetii irraa qabxiilee ijoon qorannoo kana cimsan funaanamaniiru. Adeemsi ragaan ittiin funaanname, gaaffileen afgaafii qophaa"anii jaarsolee kanaan dura sirna guddifachaa raawwachiisaa turaniifi yeroo ammaa kan sadarkaa sooromaa irra jiran mata duree kana irratti muuxannoo qaban haasoofsisuudhaani. Dabalataan qabxiileen daawwannaas qophaa"anii yeroo sirni guddifachaa raawwatutti adeemsawwan raawwii sirna guddifachaa daawwachuun, taateefi dubbii dubbataman irra deddeebi"uun dhaggeeffachuufi ilaaluun ragaa qulqullina qabu argachuuf suur-sagaleenfi yaaddannoo barreeffamaatiin ragaan funannameera. Ragaalee funaanaman kanneen saxala qorannoo ibsaatiin dhimma bahuun mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamanii dhihaataniiru. Dhumarrattis sirni guddifacha daa"immanii kan raawwatamu maanguddoota, warra dhala dhabee ykn daa"ima guddifachuu barbaadufi ollaan caaccuufi kallacha qabatanii mana warra da"imman guddifachaan irraafudhachuun barbaadan dhaquun aadaafi duudhaa guddifachaa guutanii
caaccuufi kallacha qabatanii maanguddoota qabatanii warra daa"ima irraa fudhachuuf barbaadan sana dhaquun daa"ima guddifachaan akka fudhatan qorannoo kanaan mirkanaa"eera. Warri daa"ima gaafatamees caaccuufi kallachaan gaafatamanii yoo didan daa"imni guddifachaaf gaafatame sun ni duuti jedhamee waan amanamuuf warri gaafiin guddifachaa dhihaateef kan hin didne ta"uun hubatameera. Dhumarratti aadaa boonsaa kana qaamni dhimmi ilaallatu irratti hojjachuun duudhaan isaa akka cimee itti fufu waajjirri aadaafi turiizimii sadarkaa adda adda irratti argahu gahee isaa akka bahu qaba. Kana malees daa"imman har"a dhalatan boru kan biyyattiii dhaalan waan ta"eef hurufa keessatti gatuurra nama fedhifi gahuunsa guddisuu qabuuf akka adaa Oromootti adeemsa sirna guddifachaa eeguun guddisuun akka barbaachisu qorattuun yoboo ishee keesseera 3