Logo Lanfrica

QAACCESSA TARSIIMOO HIIKA JECHOOTA AFAAN OROMOO BARSIISUU KITAABA BARATAA KUTAA 9FFAA: XIYYEEFFANNOO MANNEEN BARNOOTAA SADARKAA 2FFAA GOBBAA FI GAALAMAA

Domain:

education
Creator:
TAA
Editor:
Taa
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Kaayyoo gooroon qorannoo kana Tarsiismoo Hiika Jechootaa Afaan Oromoo Barsiisuu kitaaba barataa kutaa 9ffaa hojiirra oolaa jiru qaacceessuudha. Galma gahiinsa kaayyoo kanaaf kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa kutaa 9ffaa dabalataan sakatta’ameera. Qorannoon kun qorannoo makoo fi saxaxa ibsaatti dhimma bahame. Akkasumas, kitaaba barataa, mana barnootaa, barattootaa fi barsiisonni akka iddattootti filatamanii jiru. Sakatta’insa kitaaba barnootaatti dabaluun hirmaattonni qorannoo kanaa barattoota 87 fi barsiisota Afaan Oromoo barsiisan 10 iddatteeffamaniiru. Barattoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan iddatteessuu mala sirnaawaatiin tiin kan filataman yommuu ta’an, barsiisonni ammoo, mala iddatteessuu itti yaaddamee kan filatamaniidha. Malli odeeffannoon ittiin funaaname sakatta’insa kitaabaa, bargaaffii fi daawwannaa dareeti. Odeeffannoon bargaaffiin argame mala hammamtaan qindaa’ee qaacceffame, odeeffannoon sakatta’insi kitaabaa fi dawwannaa dareetiin argame mala akkamtaan kan qaacceffameedha. Akka ragaaleen qaacceffaman mul’isanitti, tarsiimoon hiika jechootaa barsiisuu kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa hanqina qabaachuu isaati. Gabaabumatti, argannoon qorannoo kanaa dhiyaannaan gochaalee hiika jechootaa kitaabicha keessatti argamu galumsa dubbisaatiin barattoota shaakalsisuuf xiyyeeffannoo kan hinkennine ta’u; haalli dhiyaannaa gochaalee hiika jechootaa walitti dhufeenya jechoonni walii isaanii waliin qaban barsiisuuf xiyyeeffannaa kan hinkenninee fi malli barsiisonni hiika jechoota barsiisuuf hojjii irra oolchaa jiran hariiroo jechoonni waliin qaban kan hinmul’isnee fi gochaaleen dandeettii hiika jechootaa barattootaa cimsuuf kitaaba barataa keessatti dhiyaatan harki caalaan isaanii fedhii, sadarkaa fi dandeettii barattootaa giddu-galeessa godhatani kan hindhiyaanne ta’uun argannoo qorannichaa ti. Dhumarratti, argannoo qorannoo kanarraa ka’uun, yaadonni furmaataa: Qopheessitoonni meeshaalee sirna barnoota afaanii irratti hojjetan kaayyoon waliigalaa hiikni jechootaa baratamuu fi tarsiimoo gochaaleen hiika jechootaa kitaaba barataa keessatti dhiyaachuu qabaniin walsimsiisanii dhiyeessuun, barattoonnii fi barsiisonni afaanicha baratan akka bu’aa argatan taasisuu irra darbee sadarkaa guddina afaanichaaf gahee olaanaa akka qabu hubatamee xiyyeeffannoon keessa deebi’amee fooyyaa’uu qaba. 6

Similar