Logo Lanfrica

QAACCESSA BAR-WALALOO KITAABA BARATAA AFAAN OROMOO KUTAA 10FFAA DANDEETTIIWWAN AFAANII ARFAN BARSIISUU KEESSATTI

Creator:
RAA
Editor:
BAR
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Bar-walaloowwan kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa keessatti
qophaa’anii argaman kaayyoo gurguddoo ogummaa afaanii ta’an arfan galmaan gahuu
keessatti gahee olaanaa ni qabu. Haaluma kanaan bar-walaloowwan kitaaba barnoota
Afaan Oromoo kutaa eerame keessatti qophaa’an ogummaawwan gurguddoo afaanii mala
kamiin gabbisuuf akka irratti xiyyeeffatame kan addaan baasuudha. Bar-walaoon barnoota
afaanii yemmuu barsiisan faayidaan kennuu danda’u tarreeffamaniiru. Bar-walaloowwan
qophaa’an hangam gahumsa akka qabaniifi maaltu akka hanqinaatti kitaaba kutaa 10ffaa
keessatti akka ka’u ibsameera. Isaan keessaa muraasni: waytii barnootaa wajjiin deemuu
dhabuu, qophiin afwalaloo kitaaba keessaa irra irra (high light) qofaaf kan qophaa’an malee
gadfageenyaan irraa haa barsiisaniifi irraa haa barataniif kan qophaa’anii miti. Bar-
walaloowwan qophaa’an sunniinuu jechoota naannootti hin baratamneefi safuu hawaasaa
kan hin eegne ofkeessaa kan qaban ta’uusaati. Dabalataanis, haala walfakkaataniin
ogummaawwan afaanii arfan gabbisuu irratti kan hin xiyyeeffanne ta’uusaaniiti. Kanaafuu,
bar-walaloowwan kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa kudhanaffaa keessatti hanqina
mul’ataniif qorattichi qorannoo kanaan kallattii furmaataa kan eere ta’uusaati. Kanaafis,
hanqinoota ibsaman kanneen maqsuuf: afwalaloowwan yemmuu qophaa’an sirna barnoota
afaanii keessatti qabiyyee ofdanda’e qabaatanii qophaa’uu, haala gahusa qabaniifi
dandeettiiwwan afaanii arfan ofkeessatti hammatanii qopheeffamuu akka qaban, jechoot
naannootti hin beekamneefi jechoota safuu hawaasaa cabsan irraa bilisa ta’anii qophaa’uu
akka qabaniifi bar-walaloon barnoota afaanii barsiisuun, barnooticha hawataafi sissi’eessaa
ta’e kennuun akka danda’amu qorannicha yemmuu gadifageenyaan carraa dubbisuu argatan
irraa barachuu ni danda’u 2

Similar