Axereeraa
Kaayyoon qorannoo kanaa Xiinxala dhiyaannaa hiika jechoota Afaan Oromoo barsiisuu mana barumsaa Tokkee Kombolchaa sad. 1ffaa kutaa 8ffaa xiinxaluudha. Kaayyicha galmaan ga’uudhaaf, meeshaaleen oddeeffanoon ittin funaanaman kanneen akka bargaaffii, af-gaaffii, daawwannaa dareefi sakkata’a kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa itti dhimma ba’amanii jiru. Barattoonni iddattoo qorannichaaf kan fudhataman mala carraa tasaan yommuu ta’u, barsiisoonni immoo mala ammargeetiin kan iddateeffamanidha. Kanamalees, bargaaffii yaadni isaanii walfakkaatan baratoota 19f rabsuun deebii isaan kennan gabateen erga dhiyaate booda mala hammamtaan dhibbentaatti jijjiiruun yaadni waliigalaa isaanii qabxii madaallii giddugaleessatiin qaacceffameera. Akkasumas, af-gaaffiin barsiisota 2f dhiyaachuun bargaaffiin barattoota daawwannaa dareen erga mirkanaa’ee booda mala akkamtaan qacceeffamaniiru. Dabalataanis, qorataan kitaaba barataa sakatta’uun akkaataan hiikni jechoota ittin dhiyaatan mijataa moo miti kan jedhu irratti yaada sakatta'ee gabateen dhiyeesseera. Oddeeffannoo argame kana qaacceessuufi yaada furmaata kaa’uuf gosa qorannoo makoofi saxaxa qorannoo ibsaatti dhimma ba’ame. Gabaabummatti, argannoon qorannoo kanaa yaad-rimeen dhiyaannaa hiika jechootaa barsiisoonni ittin barsiisan hariiroo hiika jechootaa kan akka walfakkii, hiika faallaa adda addaa, xiggoo, hiik-heddee, hiika firoomii, walkeessoo hiika jechootaa meeshaalee deggersa barnoota irratti haalan kan hin xiyyeeffanneefi haalli dhiyaana hiika jechoota barsiisuu kitaaba barataa fedhii,sadarkaa fi dandeetti baratoota kan giddu galeefate ta’uu dhabuufi ofiin of danda’aanii hiika jechoota haaraa akka hiikaniif kan hin mijannee ta’uu ibseera.Yaada argannoo kana irratti hundaa’uun yaadoonni furmaata dhiyaataniiru; yaad rimeen hiika jechoota barsiisuu tooftaalee hariiroo hiika jechoota,firoomii hiika jechootafi meeshaalee deggarsa barnootaa fayyadamuun beekumsa barattoonni duran qaban fana walsimsiisuufi dhiyaanaan hiika jechoota yaddannoo ga’aa boqonnaa fi gilgalota adda addaa kesssatti akka dhiyaatan kan jedhudha.