Logo Lanfrica

XIINXALA HAALA DHIYAANNAA KOORNIYAA BARNOOTA AFAAN OROMOO KITAABA BARATAA KUTAA 10FFAA

Domain:

education
Creator:
CAA
Editor:
GOR
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Axereeraa   Kitaabni barnootaa kallattii hundaan barattoota giddugala godhata jedhamee yaadama; kanarra ka"un, kallattii koorniyaan dhimma jiru qorannoon agarsiisuu" danda"a. kaayyoon gooroo qorannoo kanaas Ibsa Koorniyaa kitaaba Barataa Barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa xiinxaluudha. Malli qorannoon kun itti geggeeffamu irra caalaan mala qorannoo ibsaa (descriptive research method) kan jedhutti gargaaramte. Innis, ragaa maddeen odeeffannoo irraa argame gara lakkoofsaafi dhibbeentaatti kanneen boqannaa afur keessatti qaaccessa ragaa jedhamee gadifageenyaan eerameera. akkasumas, ragaalee biroo argaman garuu, Kan gara dhibbeentaatti jijjiiramuu hin dandeenye hunda xiinxaluufi kan ibsiteedha. Odeeffannoo barbaadu argachuudhaaf kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa sakatta"uudhaan xiinxala gaggeesse. Uwwisa kitaabaa irraa kaasee qabiyyee kitaabichaa guutumatti sakatta"uudhaan koorniyaan kitaabicha keessatti akkamittiifi hammam walmadaalee akka dhiyaate xiinxalee jira. Xiinxala kootiinis, koorniyaan akka hinidiloofne, walmaddeessi koorniyaa akka hinmirkanoofne bira gayee jira. Kanaaf, qaamni kitaaba barnootaa qopheessu hirmaachisummaa guutuu gochuu akka qabuufi ofeeggannoo qophii kitaaba barnootaa keessatti taasifamuu qabu akka cimu dhaamadha Qaamni Kitaaba barnootaa kana qopheesse (BBOfi Ministeerri Barnootaa) yeroo kitaaba barnootaa qopheessu koorniyaa irratti of eeggannoo cimaa taasisuu qabaS. Qopheessa kitaaba barnootaa keessatti qaamni kitaaba qopheessu osoo dubartoota hirmaachiseebu"aqabeessa ta"a. Qaamni kitaaba barnootaa kana qopheesse osoo irra deebi"ee ilaalee irra waayaa ta"a jedhamee yaadama.   1

Similar