Kaayyoon qorannoo kanaa inni ijoon asoosama “AARSAA” keessatti dhugummaa hawaasummaa, siyaas-diinagdee, aadaa, duudhaa, amantaafi afaanyaaxxina dhugummaatiin xiinxaluudha. Kaayyoo qabatee kana bira ga'uuf, qoratichis mala sakatta'a yookaan xiinxala barruutti dhimma ba'uun asoosamicha gadi fageenyaan dubbisee odeeffannoo barbaachisan funaaneera. Odeeffannoowwan funaanaman kanas, ulaagaalee yaaxxina dhugummaa irratti hundaa'uun dhimmoonni gama hawaasummaan, siyaas-diinagdee, bulchiinsaa, aadaa, duudhaa, afaaniifi amantaan xiinxaleera. Adeemsa xiinxalaa kana keessattis, dhimmoonni asoosamicha filatame keessa jiran hala qabatamaa addunyaa dhugaa keessatti mul'ataniin hangam akka walsimatan walbiraa qabuun xiinxalamaniiru. Yaaxinna dhugummaa kana bu'uureffachuun ragaalee asoosamoota keessaa funaanamanis xiinxalamaniiru. Xiinxala ragaalee taasifaman kanarraas dhimmoonni hojiilee kalaqaa kanneen keessatti dhiyaatan dhugummaa gama hawaasummaa, siyaas-diinagdee, aadaa, duudhaa, afaaniifi amantaa uummata Oromoo keessa ture karaa dhugummaa ofkeessaa qabuun kan dhiyaatan ta'uun isaanii hubachuun danda'ameera. Dabalataanis, rakkoowwan uummata Oromoorra kallattii garaagaraan irra ga'aa turan karaa qabatamoofi hubatamuu danda'aniin hojiilee kalaqaa xiinxalaman kana keessatti kan dhiyaatan ta'uun isaanii bira ga'ameera. Gama biraatin, haala xiinxala waliigalaa taasifameen hanqinaaleen hojiilee kalaqaa kana keessatti mul'ataniifi maalta'insa isaanii waliin dhiyaataniiru.
3