Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

XIINXALA ERGAA WALALOO 'MIILLA KAAYYOO'

Domain:

natural language processingeducation

Record type:

paper
Creator:
ABA
Editor:
MAS
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Qorannoon kun mata-duree xiinxala ergaa walaloowwan kitaaba miila kaayyoo irratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha. Kaayyoon gooroo qorannichaa ergaa walaloowwan Kitaaba miila kaayyoo jedhu haala hojii aartichaa keessatti qabu xiinxala gadi fageenyaa kennuudha.Barbaachisummaan qorannoo kanaa: qorannoo kana ka"umsa godhachuun qorattoonni ogbarruu akka ciicataatti akka itti fayyadamaniif barsiisotni qabiyyee barnootaa cinatti ergaa isaa akka ittiin barsiisaniif, Barattoonni manneen barnootaa keessatti dandeettii waa uumuu isaanii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka itti gargaaramaniif.Akkasumas, qorattoota mata-duree kana fakkaatu irratti qorannoo gaggeesuu barbaadaniif akka ka"umsaatti tajaajiluu danda"a. Qorannichi malleen qorannoo keessaa mala qorannoo akkamtaatti dhimma ba"eera.Gosa iddatteessuu mit-carraa keessaa immoo kaayyeffataatti dhimma baheera.Tooftaaleen ragaaleen ittiin walitti qabaman sakatta"a dokumantiiti.Odeeffannoon sakatta"a barruun walitti qabames saxaxa ibsaatiin xiinxalameera.walaloowwaan kitaaba „miila kaayyoo" keessatti argaman qabiyyeewwan adda addaa 18 titti qoqqodamuun ergaan isaanii xiinxalamee saxaxa ibsaatiin ibsamaniiru. Qabiyyeewwan walaloowwan kunneen akka: siyaasaa, seenaa, dinagdee, sonoota hawaasaa fi kan kana fakkaatan yoo ta"u, haala qabatamaa jiruufi jireenya hawaasaa bu"uura godhatee kan dhiyaate ta"uusaati.

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

KaanKhanaMbayNdauTupuri

Tags

AFAAN OROMOO, OGBARRUU FOOKLOORII

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similar

Xiinxala Ergaa Geerarsa Dinagdee Oromoo Jimmaa JaawwiiXIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII WALALOO "SINGIGGOO" JEDHU KEESSATTIXiinxala Falaasaamaa Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti CalaqqisaniiXiinxala Ergaa Hawaasummaa Geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa: Ija Yaadiddama Ijaarsa HawaasummaatiinQeeqa Hawaasummaa Walaloo Sirboota Oromoo Filatamanii: Xiinxala Ergaawwan Sirboota Eebbisaa AddunyaaXiinxala ergaa sirbootatapha gombisa fardaa keessatti sirbaman: Aanaa Jalduu irratti kan xiyyeeffate

Xiinxala Ergaa Geerarsa Dinagdee Oromoo Jimmaa Jaawwii

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa geerarsota dhimma dinagdee xiinxaluun addeessuudha. Maddeen ragaalee q

XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII WALALOO "SINGIGGOO" JEDHU KEESSATTI

AXAREERAA Qorannoon kun walaloo “Singiggoo” jedhu keessatti haala barreessaan itti fayyadama afaani

Xiinxala Falaasaamaa Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti Calaqqisanii

Kaayyoon qorannoo kanaa Xiinxala falaasama Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti calaqq

Xiinxala Ergaa Hawaasummaa Geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa: Ija Yaadiddama Ijaarsa Hawaasummaatiin

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa dhimmoota hawaasummaa geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa xiinxaluudha. Rag

Qeeqa Hawaasummaa Walaloo Sirboota Oromoo Filatamanii: Xiinxala Ergaawwan Sirboota Eebbisaa Addunyaa

  Sirbi Oromoo baroota dheeraaf meeshaa ittiin aadaan sabaa ibsamu, seenaan kunuunfamuufi dhim

Xiinxala ergaa sirbootatapha gombisa fardaa keessatti sirbaman: Aanaa Jalduu irratti kan xiyyeeffate

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa sirboota gombisa fardaa aanaa Jalduu keessatti sirbaman xiinxaluudha.