Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

XIINXALA LOOGA BOORANAA SAGALEE-JECHAARRATTI XIYYEEFFATE

Creator:
MAK
Editor:
BAR
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Kaayyoon Gooroo qorannoo kanaa, Looga Booranaa sadarkaa sagalee hanga jechaatti jiru xiinxaluudha. Kaayyoo kana fiixa baasuuf, mala akkamtaatti dhimma kan bahame yoo ta’u, miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu akkayyootti fayyadamee jira. Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan ga’eessota 18, Mangoddoota 18 irraa mala afgaaffiin, garee abbootii gadaa mala marii garee xiyyooffannootiin akkasumas muuxannoo dirreetiin walitti qabaman. Ragaaleen kunis, mala qaaccessa akkamtaa rogsadeessuutiin fayyadamuun, qabiyyeewwan garaagaraa jalatti qooduun qaacceffame. Argannoowwan qorannichaa akka agarsiisutti looga Booranaa keessatti jechoota sagalee dheeraan xumuraman gabaabsuun kanneen sagalee gabaabaan xumuraman immoo irraa haquun yeroo itti fayyadamu, jecha isa dursee dhufe irraa dhamsaga dubbachiiftuu yookiin birsaga dhumaa haquun waliiti fidee jechoota lama akka jecha tokkootti dubbachuu, loogni sadarkaa sagaleetti mul’atu heddummina qabaachuu, loogni kun jechootaan sooressa ta’uufi jechootni daran eenyummaafi duudhaa hawaasichaa ibsan dagatamaa deemuun adda baheera. Kanaaf,hayyootni garaagaraa looga kanatti dhimma bahuun hojiilee saayinsiis ta’ee, ogbarruu barreeffamaa kanneen akka Og-walaloo, Asoosamaafi Diraamaa(Weeshoo) ittiin qopheessuun abbaa kanaafis ta’ee uummata Oromoo maraaf dhiyeessuu, Biiroon Barnoota Oromiyaa sirna barnoota Afaan Oromoon kennamus ta’ee, barnoota Afaan Oromootiin kennamu qopheessuu keessatti jechoota looga kanaatiif xiyyeeffannoo kennuun sirnicha keessatti hammachiisanii qopheessuufi Waajjirri Aadaafi Turizimii Aanalee godina Booranaafi kan sadarkaa Godina Booranaa, barsiisotni Afaan Oromoo hawaasicha keessatti hojjatanis ta’ee kanneen haalli isaanii mijatu hawaasichi abbaan loogaa jechoota kanaafi ergaa isaan baatan osoo hin harca’in akka itti fayyadamu taasisuufi jajjabeessuun akkasumas, bifa walfakkaatuun hubachiisuun akka yabootti eeramanii jiru. 6
 

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

HangaJiruKaanMalaMbayOromoOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similar

Xiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo BooranaaXiinxala Unka Tajaajila Seerlugaa Bamaqaalee Afaan Oromoo Looga Arsii KeessattiXiinxala Itti Fayyadama Afaanii: Gaazexaa Kallacha Oromiyaa Irratti Kan XiyyeeffateXiinxala ergaa sirbootatapha gombisa fardaa keessatti sirbaman: Aanaa Jalduu irratti kan xiyyeeffateXIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII GODINA QEELLAM WALLAGGAA MANA MURTII AANAA GIDAAMII IRRATTI KAN XIYYEEFFATEXIINXALA TOOFTAALEE HIIKA JECHOOTA AFAAN OROMOO BARSIISUU: MANA BARUMSA QOPHAA'INA GEEDOO KUTAA 11FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Xiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

Qorannoon kun, adeemsa raawwii sirna maqbaasa ilma angafaa Oromoo Booranaa irratti xiyyeeffate. Saba

Xiinxala Unka Tajaajila Seerlugaa Bamaqaalee Afaan Oromoo Looga Arsii Keessatti

Barruun kun unkaalee hormaataa bamaqaaleen Afaan Oromoo looga Arsii xiinxaluurratti xiyyeeffata. Qor

Xiinxala Itti Fayyadama Afaanii: Gaazexaa Kallacha Oromiyaa Irratti Kan Xiyyeeffate

The purpose ofthis study was to investigate the languge use (Afan Oromo) in news papers with special

Xiinxala ergaa sirbootatapha gombisa fardaa keessatti sirbaman: Aanaa Jalduu irratti kan xiyyeeffate

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa sirboota gombisa fardaa aanaa Jalduu keessatti sirbaman xiinxaluudha.

XIINXALA ITTI FAYYADAMA AFAANII GODINA QEELLAM WALLAGGAA MANA MURTII AANAA GIDAAMII IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

Gorsaan: Filee Jaallataa (PhD) Axareeraa Kaayyoon qorannoo kanaa xiinxala itti fayyadama afaanii ma

XIINXALA TOOFTAALEE HIIKA JECHOOTA AFAAN OROMOO BARSIISUU: MANA BARUMSA QOPHAA'INA GEEDOO KUTAA 11FFAA IRRATTI KAN XIYYEEFFATE

FILEE JAALATAA (PhD) Kaayyoo gooroon qorannoo kana tooftaalee hiika jechootaa Afaan Oromoo barsiisu