AXEERARA
Qorannoon kun dubartummaa weedduu durbaa sirna fuudhaa-heerumaa keessatti, weedduuwwan jiran keessaa addatti weedduu Roobilee-Rooboo kan Oromoo Ituu irratt xiyyeeffachuun gaggeeffame. Qorannoo kana qorachuuf kan na kakaasee sababoota gurguddoo lama. Tokko akka qorataatti, qorannooleen sakatta’ee qaawwa qabaachuu. Lammaffaan ammoo akka qaama hawaasaatti wanti qoradhe bira gahe dagatamaa dhufuu weeddichaati. Kaayyooleen qorannoo kanaa; adeemsa weedduu Roobilee-Rooboo ibsuu, gahee dubartummaa jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti qabuufi dinagdee ijaaruu keessatti qaban xiinxalee jira. Yaadiddamni qorannoo kana keessatti hojiirra oole yaadiddama dubartummaati. Yaadiddamoota dubartummaa jiran keessaa ammoo, yaadiddama dubartummaa xabboo (African indigenous feminism)fi yaadiddama dubartummaa aadaa (cultural feminism)tti dhimma bahameera. Kaayyoo qorannoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahameera. Qorannichis gosa qorannoo sanyaabsaati. Ragaalee qorannoo kanaaf barbaachisan walitti qabachuuf malli iddatteessuu miti carraa keessaa gosa akkayyoofi darbaa dabarsaatu hojiirra ooleera. Malleen funaansa ragaalee hojiirraa oolan: daawwannaa, af gaaffiifi mariin garee xiyyeeffannoo hojiirra oolaniiru. Argannoowwan qorannichaatiin bira ga’aman isaan ijoo: weedduun Roobilee-Rooboo adeemsa tartiiba qabuun kan ijaarame ta`uunsaa adda baafameera. Dubartiin hariiroo hawaasummaa cimsuu, aadaafi safuu hawaasaa eeguufi itti gaafatamummaa garagaraa fudhachuu ishee agarsiiseera. Akkasumas, dinagdee keessatti qooda qabaachuu ishee mul`iseera. Dabalataan, argannoon gama ilaalcha dubartummaatiin argame agarsiisutti weedduu Roobilee-Rooboo keessatti dubartiin sirna fuudhaa-heerumaa keessatti ni mul’atti; garuu hirmaannaan ishee irra caalaa safuu eeguufi ergaa hawaasummaa dabarsuu irratti daangeffama ta’uushee ni mul’ata. Kun ammoo dubartiin aadaa keessatti ni argamti, garuu murteefi aangoo keessatti hirmaannaa gad-aanaa akka qabdu agarsiiseera.
Kanaafuu, beekumsi aadaa kanaa sirnaan kuufamee, qorannoo itti fufiinsa qabuun deeggarame karaa barnootaafi miidiyaatiin babal’isuun murteessaadha.