Logo Lanfrica

QAACCEESSA QABIYYEE EEBBA SIRNA RAAWWII FUUDHAA FI HEERUMAA: GODINA BAALEE BAHAA AANAA GOLOLCHA

Domaine:

socioeconomic
Créateur:
XIL
Éditeur:
MAA
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Qorannoon kun“Qaacceessa Qabiyyee Eebba Sirna Raawwii Fuudhaa fi Heerumaa” jedhu irratti Godina Baalee Bahaa Aanaa Gololchaa keessatti kan gaggeeffameedha.Ka’umsi qorannoo kanaas eebba aadaa Oromoo ta’e kana dhaloonni ammaa dagachaa dhufuu isaa fi sababa adda addaatiin gadi bu’aa jiraachuu isaa irraan kan ka’e akka dhalootaaf turuufi.Kayyoon walii galaa qorannichaa immoo Eebba Sirna Raawwii Fuudhaa fi Heerumaa Godina Baalee Bahaa Aanaa Gololchaa walitti qabuun qaacceessuu dha. Itti aansuun immoo saxaxni qorannoo kanaas saxaxa qalbeeffannaa keessaa addeessatti kan dhimma bahameedha.Maddi ragaaleen immoo 1ffaa fi 2ffaatti kan dhimma itti baateedha.Mala iddattoo   fi iddatteessuu akkayyoo fi darbaa dabarsaa fayyadamuun qorannoon kun kan adeemsifameedha.Meeshaalee funaansa ragaa kanneen akka af-gaaffii fi daawwannaadhaan ragaaleen kan funaanamanii kan ittin qaacceeffameedha. Ragaalee argaman akka ragaatti qindeessuun dura sirrummaa fi qulqullinni isaanii kan mirkanaa’eedha.Itti aansuudhaan ragaaleen malleen adda addaatiin funaanaman mata duree isaanii jalatti kan galaniifi malleen odeeffannoo hiikuu akkamtaatti fayyadamuunragaan barreeffamaan kan qaacceeffameedha.Argannoon qorannoo kanaas,fakkoommiiwwan wantoota eebbaaf barbaachisaniifi hiikni isaan qaban maal akka ta’e;eebbi afwalaloowwan keessaa miira abdii fi hawwii gaarii kan qabuu fiwantoota raawwachuudhaaf fedhii nama keessatti horuu akka danda’u,eebbi eebbifamu kaayyoo lafaa ka’aniif galma guddaa akka ta’ee fi eebbi hawaasaaf faayidaa guddaa akka qabu argannoo qorannoo kana keessatti kan ibsaameedha.Yaboon qorannoo kanaas,uummanni Oromoo aadaa,duudhaa fi seenaa bal’aa qaba.Aadaa kan dhaloota haaraa kana biratti dagatamaa jira waan ta’eef qaamni dhimma ilaalu kunuunsee irratti hojjetee dhalootaaf tursiisee akka dabarsu yaboo kana keessatti kan eerameedha. 3

Similaires