Qorannoon kun kan geggeeffameef Godina Baalee, Aanaa Sinaanaatti itti fayyadama afaanii mana murtii Aadaa Ganda Hora Booqaa xiinxalluudha matduree “Xiinxala fayyadama afaanii mana murtii jalaqaa aadaa ganda Hora Booqaa haala aanaa Sinaanaa jedhu irratti. Kan itti xiyyeeffates dursoo adeemsa fayyadama afaanii gama jaarsotaakan akkamii akka tahe addaan baaasuudha.Itti aansuun adeemsa fayyadama afaanii gamahimataa kan akkamii akka tahe addaan baaasuudha. Inni Sadaffaan adeemsa fayyadama afaanii gamahimatamaa kan akkamii akka tahe addaan baaasuudha.Akkasumas, adeemsa mana murtii kana keessatti itti fayyadamni afaanii gama aadaatiin calaqqisu kan akkamii akka tahe addaan baasuun addeessuuf kan hojjatamuu dha.Mataduree “xiinxala fayyadama afaanii mana murtii aadaa jalqabaa ganda Hora Booqaa haala aanaa Sinaanaa” ti.Ka’umsiqorannoo kanaa ammo hanqinna hubannoo fayyadama afaanii karaa abbootii dhimmaafi abbootii gaaddisaa jiruu dha . Ragaa karaa mala funaansa ragaatiin funaanme xiixaluun qorannoo kanaan gaaffilee bu’uuraa armaaan gadii ni argatu.Isaanis:adeemsa mana murtii aadaa kana keessatti itti fayyadamni afaanii gama jaarsotaa, himataa, himatamaa fi fayyadamni afaanii gama aadaatiin jiru akkamitti akkatti calaqqisiifamu deebi’suuf kan geggeeffamuu dha.
Qorannoo kana geggeessuuf saxaxa qorannoo addeessaatti fayyadamuun itti fayyadama afaanii mana murtii aadaa jalqabaa keessattti karaa abbootii gaaddisaa, himataafi himatamaa hojiirra oolan qorachuun addeesuu dha.. Dhimmoota akkanaa qorachuuf saxaxni qorannoo kaddeessaa gargaaramuun filatamaadha.Meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaatiif hojiirra oole gaaddiisa mana murtii aadaa irratti argamuun fayyadama afaanii achi jiru cheekliistii daawwaannaa qopheeffachuun yaadannoo qabachuuni.Inni biraa ammoo dokumentii yeroo himataan himannoo dhiyeeffatu fi deebii deeffatu irraa jalqabee hanga murtiin kennamee raawwiin murtii barreeffamutti jiru sakatta’uuni.Qorannookana geggeessuuf mana murtii aadaa jalqabaa iddatteeffametti argamuun ragaa karaa daawwannaa fi sakatta’a dokumentiitiin funaaname xiinxaluun argannoo barbaachisaa irra gahuuf malli qaaccessaa hojii irra oole mala addeessaa yoo tahu argannoo fi bu’aan qorannoo kanarraa argame itti fayyadamni afaanii mana murtii aadaa jalqabaa gama jaarsotaa, himataa, himatamaa fi akkasuma akkaataa aadaan itti calaqqifamu irratti kabaja walii kennuu fi sirna aadaa hawaasaa deemsisuu akka tahe bira gahamee jira.Kana keessatti irra caalaa kan irratti xiyyeeffatame waan barreeffame caalaa waliin dubbii jaarsota mana murtii, himataa, himatamaa fi ragoota bu’uraa fi ittisaa irratti. Gama barreeffamaatiin waan jiru bal’innaan argachuu irratti rakkoo tahee mul’atee jira. Yaanni barreeffamaan taa’es dubbisanii yaada isaa hubatanii qaaccessuuf baay’ee ifaajee kan nama gaafatu tahee argamee jira. Kanaaf, barreeffamaaf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu qorannoon kun argisiisee jira.