Logo Lanfrica

Gahee Mammaaksa Oromoo Dandamannaa Guddisuu Keessatti: Magaalaa Naqamtee Xiyyeeffachuun

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
Mar
Éditeur:
Afr
Hôte:
Kaayyoon qorannoo kanaa, haala garaagaraan rakkoolee namoota mudatan dandamachiisuuf mammaaksota Oromoo gorsaaf oolan qaaccessuudha. Saxaxni qorannichaa sanyaabsa sakatta’aati. Rag-himtoota afur mala akkayyoon filataman. Ragaaleen afgaaffii caaseffamaafi dookimantii sakatta’uun guurame, ijoo ijootti qoqqooduun qaacceffame. Argannoon ijoon mul’ate, namoonni rakkoolee garaagaraa dandamachuu akka danda’aniif tajaajila gorsaa mammaaksi kennu olaanaadha. Darbee, mammaaksi ilaalcha namootaa sirreessuu, qajeelaa taasisuu, tarkaanfii fudhachiisuu, qormaata simachuu, kufaatii irraa barachuu, deeggarsa yaadaa barbaaduu, yaada guddinaa qabaachuun dandeettii dandamannaa guddifachuu keessatti shoora olanaa akka qabu adda ba’e. Dandamannaa mammaaksonni dagaagsan: Jajjabinaaf hariiroo uummachuu, abdii kutuu irraa fagaachuu, abdii qabaachuu, jijjiirama fudhachuu, ofeeggachuu/ of to’achuu, gara galma dhugaatti tarkaanfachuufi tarkaanfii murteessaa fudhachuu akka ta’e bira ga’ame. Argannoon biroon, namoonni ammayyummaatti hirkatanii, gorsa mammaaksaan kennamu fudhachuu irratti rakkoon guddaan akka jiru adda ba’eera. Kanaaf, yaboon dhiyaate, Waajjirri Aadaafi Turizimii Oromiyaa hanga Aanaatti jiru, sekterri dargaggoofi daa’immanii, hawaasummaafi kanneen biroon, mammaaksaatti gargaaramanii namoota haala garaagaraa keessa jiran akka dandamachuu shakalan osoo irratti hojjetanii dhalootaaf fakkeenya ta’a. Darbee, karaa dhaabbilee garaagaraa leenjiiwwan gaggabaabaa osoo kennamee, namoonni dandamachuu horataa deemu. Akkasumas, qabiyyeen mammaaksaa sirna barnootaa keessatti bal’inaan osoo hammatamee ijoollonni ilaalcha ittiin rakkoolee dandamatan horataa akka guddatan taasisa.   English title: The Role of Oromoo Proverb in Resilience Development: Nekemte Town Focused The purpose of this study is to identify and analyze the philosophy of Oromoo proverbs used for advice to cope with people's problems in different situations. The research design is ethnography and the data were collected by qualitative research tools. For the data collection four people were selected using purposive sampling method. The data collection strategies were interview and document analysis, and the data were organized and analyzed thematicaly.The main finding was that proverbs strengthen people's understanding and provide great advice to cope with challenges, difficulties, anxieties and stress. Moreover, proverbs were identified as playing an important role in building resilience by by welcoming challenges, seeking intellectual support, having a growth mindset, taking action, learning from failure, correcting attitudes, and keeping things straight. It was found that the types of proverbs used to promote resilience are those used to build relationships for encouragement, avoid despair, have hope, accept change, self-control, move towards true goals and take decisive action. Other findings identified that, people rely on modernity; there is a greater difficulty in accepting proverbial advice. Hence, the proposed solution would lay the foundation for the next generation if the Oromia Culture and Tourism Office up to the District, the youth and children sector, social and counseling service providers and all stakeholders work on using the philosophy of proverbs to practice coping with people in different situations. In addition, if short trainings are offered through various training institutions and universities and awareness and motivation is created, this behavior will be implemented; people develop resilience. Also, if the content of proverbs is widely incorporated into the education system by educational institutions, it will enable children to understand their positive attitudes, morals and culture, and develop the knowledge to overcome and cope with problems.

Similaires