Logo Lanfrica
  • Accueil
  • Atlas
  • Analyses
  • Documentation
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. Tous droits réservés. Tous les droits d'auteur des ressources affichées sur le site Web Lanfrica appartiennent aux détenteurs de droits d'auteur d'origine, sauf indication contraire explicite.

Xiinxala Caasaalee Durduriiwwan Oromoo: Oromoo Maccaarratti Xiyyeeffachuun

Domaine:

natural language processing
Créateur:
DhiEgeJaa
Éditeur:
Jor
Hôte:avatar
Qorannoo gooroowwan afoolaa keessatti caasaalee isaanii qorachuun qindaa’ina, adeemsa seeneffamaafi ijaarama isaanii waan ifoomsuuf, barbaachisummaa olaanaa qaba. Haaluma kanaan kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaas caasaalee durduriiwwan Oromoo Maccaa hordofuun ijaaraman qaaccessuudha. Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: maanguddoota, dargaggootaafi ijoollota yommuu ta’an, malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba’amanidha. Daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannoo immoo meeshaaleen funaansa ragaalee qorannoo kana keessaatti ittiin ragaaleen funaannatamanidha. Ragaaleen funaanamanis barreeffamatti erga jijjiiramanii booda yaadiddama caaseffamaa bu’uureffachuun mala akkamtaan qaacceffamanii jiru. Qaaccessa taasifame bu’uureffachuu argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaas: durduriiwwan Oromoo Maccaa hedduun caasaalee seeneffamaa unkaa mataa isaanii (their own versions) ta’ee hordofuun kan ijaaraman ta’uufi durduriin tokko akkaataa himamsa isaa irratti hundaa’uun gosaafi lakkoofsa caasaalee jijijjiiramaa qabaachuu kan danda’u ta’uudha. Akkasumas, adeemsi caasaalee seeneffamaa durduriiwwan Oromoo Maccaa walitti dhufanii waliin jiraachuun (tokkummaan) milkaa’ina kan gonfachiisu ta’uufi faayidaan, aangoon, amalliifi axxummaan badaan garuu yeroo baayyee maddeen walitti bu’iinsaa ta’uun tokkummaa kan diigan ta’uu isaanii akka addeessudha.   Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 1 No. 1 (2023): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ)

Visit

doi.org

Languages

KaanMbayNdauOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Tags

durduricaasaa,caaseffamaseeneffamaafseenaaOromoo Maccaa

Licenses

Creative Commons Attribution Non Commercial 4.0 Internationalhttps://creativecommons.org/licenses/by-nc/4.0/legalcode

Similaires

XIINXALA SIRBOOTA AFAAN OROMOO DIDDAA MUL"ISAN: SIRBOOTA FILATAMAN XIYYEEFFACHUUNIjaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman KeessattiXIINXALA SABABA SIRNAAN KEEYYATA BARREESSUU DADHABUU BARATTOOTA DIGIRII JALQABAA AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO: YUUNIVARSIITII WALLAGGAA XIYYEEFFACHUUNXiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman KeessattiXiinxala Malawwan Barruu Barwalaloowwan Oromoo Filatamanii: WalunannaaXiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

XIINXALA SIRBOOTA AFAAN OROMOO DIDDAA MUL"ISAN: SIRBOOTA FILATAMAN XIYYEEFFACHUUN

Qorannoon kun kan gaggeeffame xiinxala sirboota Afaan Oromoo Diddaa mul"isan: Sirboota filataman xiy

Ijaarsa Caasaalee Walaloo Sirboota Afaan Oromoo Filataman Keessatti

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa haala ijaarsa caasaalee walaloo sirboota Afaan Oromoo filatamanii kee

XIINXALA SABABA SIRNAAN KEEYYATA BARREESSUU DADHABUU BARATTOOTA DIGIRII JALQABAA AFAANIIFI OGBARRUU OROMOO: YUUNIVARSIITII WALLAGGAA XIYYEEFFACHUUN

Barreessuun dandeettiilee afaanii afran keessaa isa tokko ta’ee, qubeefi mallattoolee garaagaraa fay

Xiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman Keessatti

Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa hariiroo sirbootaafi qabsoo sabboonummaa Oromoo xiinxalluudha. Qorannoo

Xiinxala Malawwan Barruu Barwalaloowwan Oromoo Filatamanii: Walunannaa

Kaayyoon qorannoo kanaa walunannaa barwalaloowwan Oromoo filatamanii xiinxaluudha. Kana galmaan gah

Xiinxala Sirna Maqbaasa Ilma Angafaa Oromoo Booranaa

Qorannoon kun, adeemsa raawwii sirna maqbaasa ilma angafaa Oromoo Booranaa irratti xiyyeeffate. Saba