AXAREERAA Qorannoon kun kan geggeefame mata duree “Qaaccessa haasbarruu jaarsummaa Oromoo Gujii gama Afaan Oromoo barsiisuutiin” jedhu irratti. Kaayyoon qorannoo kanaa haasbarruu jaarsummaa Oromoo Gujii xiinxaluudha. Kaayyoo kanas galmaan ga’uuf malli qorannoo dhimma itti bahame mala qorannoo akkamtaati. Mala filannoo iddattoo al carraatti kan dhimma bahame yoo ta'u, gosa iddattoo kanaa keessaayis mala kaayyeffatamaa bu’uura godhachuun odeeffannoowwan barbaachiisoo ta’an madda ragaa tokkoffaa irraa kan argamaniidha. Maddi raga tokkoffaa kunis abbootii gadaa, jaarsolii biyyaafi ogeeyyii aadaafi tuurizimii kanneen waa’ee aadaa jaarsummaa irratti hubannoo qabaniidha. Ragaaleen kunis karaalee malleen funaansa odeeffannoo afgaaffiifi daawwannaatti gargaaramuun walitti kan qabamaniidha. Adeemsi jaarsummaa Oromoo Gujii Aanaa Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo maal akka ta’eefi haasbarruuwwan jaarsummaa keessatti mul’atan maal akka fakkaatan, caasaa hawaasaa haasbarruu jaarsummaa keessattii mul’atan gama Afaan Oromoo barsiisuutiin jiru, daree barnoota Afaan Oromoo keessatti haasbarruu jaarsummaa akkamitti barsiisuun akka danda’amuufi haasbarruun kun dandeettii afaanii dubbachuufi dhaggeefachuu akkamitti hojiirra oolchuun akka danda’amu bal’inaan xiinxalamanii dhiyaataniiru. Argannoon qorannoo kanaa ammoo jaarsummaan aadaa yeroo dheeraaf hawaasni Oromoo Gujii itti fayyadamaa ture ta’uu, jaarsummaan ijaarsa hawaasaummaa, diinagdeefi biyyaa keessatti gahee ol’aanaa kan qabu ta’uu, caasaan hawaasaa jaarsummaa keessatti jiru sadarkaa ulfaatina waldhabdeetiin kan murataa’u ta’uu, jaarsummaan waldhabdee furuu keessatti haasbarruun Afaan Oromoo barsiisuuf tajaajilan kan jiran ta’uu isaa qorannoo kanaan bira gahameera. Akka yabootti ammoo jaarsummaa irratti qorannoo gadi fagoo gaggeessuun seera biyyaa keessa galchuun hawaasni hundi akka fayyadamu gochuun brabaachisaadha. Hawaasni mana murtii deemuu caalaa jaarsummaan waldhabdee isaa furachuun aadaa kan osoo gabbisee gaariidha. Hayyoonni afaanii haasbarruu as keessa jiran irratti gadi fageenyaan qorachuun gara kitaabotaafi qajeelchota garagaraa ittiin qopheessuun gama sirna barnootaatti fiduun barattoonni yeroo tokkotti afaaniifi aadaa isaanii akka baratan taasisuu qabu. Jaarsummaankun dhalootaa dhalootatti akka darbuuf qaamni dhimmi ilaalu hunduu bifa barreeffamaa, waraabbiifi ‘soft copy’tiin kaa’uu qabu. Jaarsoliin dargaggootaafi dhaloota lafaa dhufaa jaarsummaa barsiisuu qabu kanneen jedhan kaa’amaniiru