Logo Lanfrica

QAACCESSA HAASBARRUU JAARSUMMAA OROMOO :HAALA GODINAARSII LIXAA , AANAA GADAB HASAASAA

Domaine:

education
Créateur:
AMA
Éditeur:
Bar
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Axeerara   Qoranoon kun mata duree “ Qaaccessa Haasbarruu jaarsummaa Oromoo: Haala Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa irratti kan gaggeeffame” yemmuu ta’u, Kaayyoon qorannichi gaggeeffameef haasbarruu jaarsummaa Oromoo qaacessuu dha. Qorannoo kana geggeessuuf wanti qorataa kana kakaase sababa garagaraatiif hir’ataa dhufuu hasbarruu jaarsummaa Orommoti. Kana bu’uura godhachuun daangaan qorannoo kanaa haasbarruu jaarsummaa Oromoo irrtti kan xiyyeeffatuu dha. Gama kanaan yaaxinni qorannoo kanaa,qorannoo walfakkii fi yaadrimeen hayyoota dhimma aadaa duudhaa hawaasaan waliin walitti dhufeenya qabanis ilaalameera. Maddi ragaa qorannoo kanaaf ta’us kan qindaa’e hawaasa keessaa odeefannoo kennitoota waa’ee sirnichaa beekan irraa odeeffannoo funaanuun mala iddatteessuu akkayyoo fi darbaa darbiinsaa fayydamuun mala qorannoo akkamtaa dhimma ba’eera. Ragaa qorannoo kanaaf oolu guurachuu fi, afgaaffii fi daawwannatti gargaaramee jira.Ragaaleen meeshaalee kanaan funaannamanis qaacceffamanii jiru. Akkasumas,yoomessa jaarsummaan itti gaggeeffamuu, tartiiba raawwiin jaarsuummaan hordofuu qabuu fi tooftaa jaarsonni jaarsummaa keessatti araara buusuuf fayyadaman ibsuuf akkasumas sadarkaa maal irra akka jiru maal akka fakkatan kan kaa’amee dha. Agannoon qorannoo kanaas sirni haasbarruu jaarsummaa Orommoo jalqaba irraa kaasee hanga xumuraatti adeemsota garagaraa keessa darbuun jaarsummaan akka itti dubbatamu bira ga’ameera.Haalli haasbarruu jaarsummaa kun dhimmoota garagaraa irratti dhiyaachuun furmaata akka kennu irra ga’ameera. Haaluma kanaan sirni duudhaa hawaasa kun adeemsi isaa fi qabiyyee isaa bifa barreefamaa fi viidiyoon waraabamee dhaloota dhufufi osoo ol kaa’amee sirnichi akka hin irraafatamne gargaara.Walumaagalatti qorannoo kana keessatti yaada furmaataa ta’a. jedhamee kan kaa’ame.Hayyoonni dhimma aadaa hawaasaa qoratan ,barsiisonni afaanii,geggeessitoonni waajjira aadaa fi turiizimii. Akkasumas namoonni dhimma kana irratti qorannoo geggeessan hundi haasbarruu jaarsummaa kana adeemsa isaa fi qabiyyee waliin walqabatan xiyyeefannoon itti kennamee bifa barreeffamaa fi waraabbiin kaa’amuu qaba.   1

Similaires