Logo Lanfrica

Qaaccessa Hafeewwan Beekumataa Walleewwan Afaan Oromoo Filatamanii

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
AmaFil
Éditeur:
Oro
Hôte:
Qorannoon kun walleewwan qabsoo Afaan Oromoo ija yaaxina xinseenaafi afooleetiin xiinxalluu irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa hafeewwan beekumtaa walleewwan qabsoo Afaan Oromoo keessatti hojirraa oolan xiinxalluudha. Qorataan qorannoo kana madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa irratti hundaa’u hojjate. Qorataan tooftaalee funaansa ragaalee kanneen afgaaffiifi sakatta’a maxxansaa ragaa qorannichaaf barbaachisan funaannatee jira. Ragaalee afgaaffiifi sakatta’a maxxansa erga qaacceffamanii booda argannoowwan itti aanan abuuramanii jiru. Ragaalee hafeewwan beekumtaa durdurii akka agarsiisanitti Oromoon sirnoota bulchiinsaa kannneen akka sirna giiftii, sirna mootii, sirna gadaafi sirna alagaatiin akka bulaa ture hubachuun danda’amee jira. Sirnoota kanneen keessaa sirni fakkeenyaa guddaa qabu sirna gadaati. Haata’u malee, warroonni Itoophiyaa bulchan baay’een isaanii sirna gadaa fakkeenya godhachuu hinbarbaadan. Hafeewwan beekumtaa ragaalee afseenaa dhuunfaa akka agarsiisanitti ummanni Oromoo qabsoo bilisummaatiif jecha gootota heddu wareegamaaf saaxile. Ragaalee hafeewwan beekumtaa bifa sheekkootin dhihaatan keessatti qabsoo Oromoo keessa qaamonni fedhii adda addaa qaban heddu akka jiran argina. Dhumarrattis, argannoowwan kanneen irratti hundaa’uun Oromoo siyaasa isaa ammayyeessuu yoo barbaade sirna gadaatti deebi’uu akka qabu, Oromoon gootota qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gatii kaffalan osoo lubbuun  jiran kunuunsuu akka qabuufi Oromoon bilisummaa isaa gonfachuuf tokkummaa qabaachuu akka qabu akka yabootti dhihaatee jira.