Logo Lanfrica

Qaaccessa Haala Itti Fayyadama Dubbii Qolaa Mammaaksa Afaan Oromoo Jildii 1ffaafi Jildii 2ffaa

Domaine:

natural language processing
Créateur:
ABD
Éditeur:
MAA
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Qorannoon kun mata-duree ‘Qaaccessa Haala Itti Fayyadama Dubbii Qolaa Mammaaksa Afaan Oromoo Jildii 1ffaa fi Jildii 2ffaa’ jedhuun kan hojjatameedha. Ka’umsi qorannoo kanaatis, haalli itti fayyadama dubbii qolaa mammaaksota Oromoo Jildii 1ffaa fi 2ffaa keessa jiru maal akka fakkaatu xiinxaluun barbaachisaa ta’uusaatiin walqabatee isa kanammoo ifa gochuudhaaf qorannoo kana gaggeessuun barbaachisaa ta’ee argamuu isaati. Gama biraatiin Mammaaksa ilaalchisuun qorannoowwan gaggeeffaman yoo ilaalle irra caalaan isaanii ergaafi qabiyyee irratti kan xiyyefataniidha. Haa ta’u malee ergaafi qabiyyee mammaaksa tokkoo hubachuuf haala itti fayyadama afaanii irratti hubannoo qabaachuun murteessaadha. Miidhaginni ogafaanii kan ifa bahu karaa itti fayyadama afaaniin qorannoon yoo gaggeeffameedha yaada jedhu qabatee kan ka’eedha. Dhimmoonni mammaaksaan walqabatan hedduu ta’anis sadarkaa qorannoo kanaatti haala ittifayyadama dubbiilee qolaa mammaaksota jildii 1ffaafi 2ffaa keessatti argaman qaaccessuu irratti xiyyeeffachuun daanga’eera. Haaluma kanaan kaayyoowwan akka gosoota dubbii qolaa kitaabbilee mammaaksa Oromoo jildii 1ffaa fi 2ffaa keessatti argamanii adda baasuun ibsuu, hariiroo mammaaksaafi dubbii qolaa jidduu jiru ibsuu, gahee dubbiin qolaa mammaaksa Oromoo jildii 1ffaa fi 2ffaa keessatti qabu addeessuu, ciminnaa fi hanqina jildiiwwan kunniin gama ittifayyadama dubbii qolaatiin qaban agarsiisuu jedhan qabatee kan ka’eedha. Kaayyoo kanniin galmaan gahuufis mala funaansa ragaalee xiinxala dookumantiitti dhimma bahamee ragaaleen kan funaannaman yoo ta’u, ragaalee funaannaman kanniinis mala akkamtaa gartokkee hammamtaa makate gargaaramuudhaan bakka adda addaatti erga qoqqoodamanii booda hiikni itti kennamee qaacceffamanii jiru. Dhumarrattis wantoota qorannoo kana keessatti adeemsifaman irraa ka’uun bu’aan argame yookiin argannoon kaa’amee jira. Argannoowwan kunniinis: Kitaabbileen mammaaksa Oromoo jildii 1ffaafi jildii 2ffaa dubbii qolaa gara garaa fayyadamuun ergaan mammaaksaan darbu suuraa sammuu keessatti kaasuun osoo hin irraanfatamne yeroo dheeraaf akka gochuufi mammaaksichi miidhagina akka qabaatu taasisuu danda’eera. Ergaan mammaaksaan darbu sana wanta hinbeekamne tokko wanta sirriitti beekamaa ta’e waliin walbira qabee karaa kallattii fi al kallattii ta’een waldorgomsiisuu caalatti akka hubatamu taasiseera. Ergaa hawaasaaf darbu namas ta’ee namaan ala lubbu qabeeyyii biroo yookiin lubbu maleeyyii kanneen namarraa fagoo jiran yeroo kamuu akka waan isatti dhiyoo jiruutti dubbachuun ergaa dabarsuuf gargaaruu isaa. Ergaan darbu dhugaa jiruu ol garmalee ol guddisuun yookiin garmalee gadi buusuun xiyyeeffannoo akka argatu gochuuf kan gargaaru ta’uu isaa, Dubbiin qolaa mammaaksa ibsame keessatti yaadolee walfaallessan lama gidduu yaada giddu galeessa ta’e tokko baasuun ergaan mammaaksaan darbu gadi fageenyaan akka qabaatu taasisuu isaafi kanneen kana fakkaatan ibsamanii jiru. Akkasumas, qorataan kun adeemsa qorannoo isaa gaggeessuuf taasise keessatti wantoota taajjabeefi osoo sirraa’anii caalaatti fayyaduu danda’u jedhee yaade bifa yabootiin dhaammachuudhaan qorannoo isaa kan goolabe yoo ta’u yaboon kunniinis: Mammaaksonni adda addaa yeroo yerootti bifa fooyya’aa ta’een haala barnootaaf tolutti osoo walitti qabamanii qindaa’uudhaan gara barreeffamaatti jijjiiramanii taa’anii, Gosoonni afoolaa kanneen biros haaluma walfakkaatuun qindaa’uudhaan hojiirra ooluun guddina afaan tokkootiif bu’aa buusuu waan danda’uuf qaamni dhimmi kun ilaalu hundi osoo itti yaadee, Qorannoon yeroo adda addaatti gosoota afoolaa hundumarratti osoo bifa fooyyee qabuun gaggeeffamee qaamolee dhimmi ilaaluuf galii ta’ee olkaa’amee akkasumas hojiitti jijjiiramee, Mammaaksonnis ta’ee gosoonni afoolaa kanneen biroo afaan salphaafi godinaalee hundumatti hubatamuu danda’uun fi jechoota waalta’aniin osoo barreeffamanii kanneen jedhaniidha.

Similaires