Logo Lanfrica

Tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
GirAlaCim
Éditeur:
Afr
Hôte:
Qorannoon kun tartiiba fufiilee yaasaafi hormaata gochimoota Afaan Oromoo addeessuufi xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Afaan Oromoo afaan xiinjecha gochimaa gabbataafi walxaxaa qabu waan ta’eef, tartiiba fufiilee irratti qorannon gadifageenya qabu gaggeeffamu gaafata. Haata’u malee, qorannoowwan duraan gaggeeffaman hedduun fufiilee yaasaafi hormaataa afaanichaa ibsuurratti malee, tartiiba fufiilee gochima Afaan Oromoo haala sirnaawaa ta’een addeessuufi xiinxaluu irratti hinxiyyeeffanne. Kun ammoo qaawwaa guddaa ta’uun qorannoo kanaaf sababaa ta’ee jira. Bu’uuruma kanaan, kaayyoon qorannichaa tartiiba waliigalaa fufiilee yaasaafi hormaataa gochima Afaan Oromoo addeessuufi xiinxaluu ture.Kaayyo qorannichaa galmaan gahuufis, qorannichi mala qorannoo akkamtaafi akaakuu qorannoo addeessaa irratti hundaa’e. Ragaaleen qorannichaa korpusii barreeffamaa, ofgaaffii (introspection)-fi ragmaddi-gaaffii (elicitation) odeefkennitoota iddatteessuu akkayyoon filataman irraa walitti qabaman. Xiinxalli ragaalee dibaabee caaya yaaxxina xinqooqa bu’uuraa jalatti, dhiyeenya xiinjecha dalgee (linear morphological approach) irratti hundaa’uun gaggeeffame.Bu’uuruma kanaan, bu’aan qorannichaa akka mul’isutti, xiinjecha gochima Afaan Oromoo keessatti fufiileen yaasaa yeroo hundaa fufiilee hormaataa dura hundee gochimaatti aananii hiriiruudha. Fufiileen yaasaa mataa isaaniitiin tartiiba dhaabbataa qabaachuun adda bahee jira. Kunis, yaasaa gochimoota hafoo keessatti, fufiin taasisaa qeenxee (-s- / -is-) dursa hundee gochimaatti aanee hiriiruun, fufiileen taasisataa (-at-)fi taasisamaa (-am-) fufii taasisaa sana booda maxxanuun tartiiba:HUNDEE -TS1- TS2 - TT- TSM hordofuun mul’ateera. Akkasumas, gochimoota darboo keessatti fufiin taasisataa (-at-/achch-), taasisaa dachaa (-siis-/ -sis- /-iis-)fi taasisamaa (-am-) tartiiba sirnaawaa adda addaa HUNDEE - TT-TS2-TT2 ykn HUNDEE-TS2-TT-TSM ykn HUNDEE-TSM-TS2-TT kan hordofan ta’uun hubatamee jira. Kanamalees, yemmuu hundeen maqaa yookaan maqibsa ta’e, tartiibni fufiilee yaasaa HUNDEE-TN-TS-TT-TSM yookaan HUNDEE – TS- TT-TSM yookaan HUNDEE - TT-TSTSM ta’uu mirkanaa’ee jira. Gama biraatiin, hormaata gochimaa keessatti, fufiileen hortee tartiiba: fufii hi’entaa/xiyyeeffannaa- hundee - fufii ramaddii/fufii koorniyaa/fufii danoomina – fufii haala raawwii duukaa bu’uun adda bahee jira. Walumaagalatti yaasaafi hormaata gochimaa Afaan Oromoo keessatti tartiibni waliigalaa fufiilee: fufii hi’entaa/xiyyeeffannaa - hundee - fufiilee yaasaa - fufiilee hormaataa ta’uu hubatamee jira. Dhumarratti, adeemsa qorannoo kanaa keessatti tartiibni fufiilee maqaafi maqibsaa waan hinfuuleffatamneef, qaawwaa qorannoo biraatiin duuduu qabuudha. English Abstract This study focuses on describing and analyzing the ordering of derivational and inflectional suffixes in Afaan Oromoo verbs. Afaan Oromoo is characterized by a rich verbal morphology and a complex relationship between verbal form, affix order and grammatical meaning. However, many previous studies have focused on describing derivational and inflectional suffixes individually, rather than systematically analyzing the order of verbal suffixes in Afaan Oromoo. This gap motivated the current study. Accordingly, the aim of this research was to provide a comprehensive description and analysis of the ordering of derivational and inflectional suffixes in Afaan Oromoo verbs. The study employed a qualitative and descriptive research design. Data were collected from written corpora, introspection, and elicitation with purposively selected informants.The analysis was conducted within a Basic Linguistic Theory framework, based on a linear morphological approach.The results show that, in general, derivational suffixes in Afaan Oromoo verbs consistently precede inflectional suffixes and attach directly to the verb root. Derivational suffixes exhibit a fixed internal order of their own. Accordingly, in the derivation of intransitive verbs, the single causative suffix (-s- / -is-) occurs immediately after the verb root, followed by the middle (-at-) and passive (-am-) suffixes, yielding the order ROOT – CAUS1 – CAUS2 – MID – PASS. Likewise, in transitive verbs, it has been observed that the middle (-at- / -achch-), double causative (-siis- / -sis- / -iis-), and passive (-am-) suffixes follow different systematic orders, such as ROOT – MID – CAUS2 – MID2, ROOT – CAUS2 – MID – PASS, or ROOT – PASS – CAUS2 – MID. Furthermore, when the base is a noun or an adjective, the order of derivational suffixes is confirmed to be ROOT – STAT – CAUS – MID – PASS, ROOT – CAUS – MID – PASS, or ROOT – MID – CAUS – PASS. On the other hand, in verbal inflection, inflectional suffixes follow a distinct sequence: FOC/NEG – ROOT – PER/GN/PL – ASP. In general, it is understood that in the derivation and inflection of Afaan Oromoo verbs, the overall affixes order is FOC/NEG – ROOT – DERIVATIONAL suffixes – INFLECTIONAL suffixes. Finally, since the order of nominal and verbal affixes has not been thoroughly investigated in this study, it remains another research gap that should be addressed in future research. Key words: Morphology, verb, derivation, inflection, affix, affix order