Logo Lanfrica

Dhamjechoota Caasaa Gaalee Gochimaa Afaan Oromoo Keessatti Tajaajila Gochimoota Mataa Tahan Horsiisuu

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
LamManJaa
Éditeur:
Jor
Hôte:avatar
Kaayyoon qorannoo kanaa caasaa gaalee gochimaa Afaan Oromoo keessatti dhamjechoota tajaajila gochimoota mataa tahan horsiisan xiinxaluu yommuu tahu, barbaachisummaan ammoo, qorattoota dhamjechoota Afaan Oromoorratti qorannoo biraa geggeessuu barbaadaniif ku’umsa ta’uu mala jedhamee yaadama. Kanaan alas, daangaan qabiyyee caasaa gaalee gochimaa keessaa dhamjechoota gochima mataa tahe horsiisuuf oolan xiinxaluurratti kan fuulleffate yommuu tahu, daangaan bakkaammoo looga Maccaatiin daangeffamee jira. Dabalataan, gosti qorannoo addeessaa yommuu tahu, mallimmoo, akkamtaadha. Itti dabaluun, qorataan Afaan Oromootiin afaan waan hiikkateef, tooftaa ragaalee ofiin dhiheessuuifi seeneffamoota afoolaa keessaa oduu duriifi sheekkoon tooftaa akkayyoon filatamuun madda ragaa tahanii jiru. Itti fufuun, ragaaleen walitti qabaman mala akkamtaatiin hiikamuun dhamsageessuun addeeffamanii jiru. Walumaagalatti, argannoon qorannoo kanaa: dhamjechi taasisaa gochima namni sadii keessatti qooda fudhate uumuu danda’u dhamjecha [-siisis]fi [-sisiis] akka ta’eefi dubbachiistuu /i/‘n hundee gochimaafi dhamjecha taasisaa gidduutti argamtu seera afaanichaa eeguuf akka saagamtu, dhamjechi antima gochirratti raawwate adda baasee agarsiisu {-am} akka taheefi dhamjechi{-at} jedhu gochima taasifataa uumuuf akka oolu ibsamee jira. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 1 No. 1 (2023): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ)