Logo Lanfrica

XIINXALA AKKAATAA ASOOSAMA GABAABAA KITAABA "BAATAA: HIDHAA ASOOGAWWANII" KEESSATTI

Domaine:

natural language processing

Type de record:

paper
Créateur:
GAL
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
AXAREERAA Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa akkaataa asoosama gabaabaa kitaaba “Baataa: Hidhaa Asoogawwanii” keessatti dhiyaatan yaaxxina Bifeessummaatiin xiinxaluudha. Saxaxni qorannichaa saxaxa qorannoo ibsaati. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaas asoosama gabaabaa “Baataa: Hidhaa Asoogawwanii” yoo ta"u, odeeffannoon madda ragaa tokkooffaatiin, mala iddatteessuu miticarraa keessaa mala kaayyeeffataatti fayyadamuudhaan kan sassaabameedha. Sababni isaas ragaaleen qorannoo kanaaf barbaachisaan kallattiidhaan waan keessatti argamaniif. Haaluma kanaan, kitaabicha gadi fageenyaan dubbisuun akkaataa sadarkaa unkaalee xinqooqaa, itti fayyadama afaanii, tooftaa seenaan ittiin qindaa"e, kan kaayyoo qorannoo kanaa waliin walqabatan mala xiinxala barruutiin funaanamaniiru. Ragaalee funaanaman kunis mala xiinxala ragaalee akkamtaa keessaa mala ibsaatiin kan xiinxalamaniidha. Bu"aan qorannoo kanaa akka mul"isutti, asoosama Baataa:Hidhaa Asoogawwanii keessatti akkaataan unkaalee xinqooqaa sadarkaa sagaleerraa eegalee hanga himaafi hiikaatti, akkaataan itti fayyadama afaaniifi tooftaa seenaan ittiin dhiyaate ergaa siyaasaa, aadaa, amantaafi akkaataa jiruufi jireenyaa hawaasichaa ibsuu keessatti unkaalee bifa garagaraatiin akka dhiyaate xiinxala ragaalee qorannoo kanaan bira gahameera. Dabalatanis, akkaataan filannoo jechootaa, tooftaalee ogbarruu adda addaatti dhimma bahuun hubatameera. Tooftaalee seenaan asoosamichaa ittiin qindaa"an walmakaa ta"anis irra caalaatti waliin dubbiin kan dhiyaate ta"uusaa qorataan adda baafateera.

Similaires