: FIQAADUUWaraqaa qorannoo kana keessatti kan dhiyaate qeeqa asoosama Waraansa Sammuudha. Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa asoosama kana keessatti taateewwan gama aadaa, amantaafi Afaan Oromoo calaqqisiisuutiin maal akka fakkaatu xiinxaluu, hacuuccaa alagaatiin raawwatame xiinxaluu, taateewwan gameessummaa saba Oromoo muldhisan agarsiisuu, sirni bulchiinsaafi haalli simannaa uummataa maal akka fakkaatu adda baasuu, haalli siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee Oromoo akkam akka ture xiinxaluudha. Gosti qorannoo itti dhimma bahame akkamtaa yoo ta"u, irraawwatamni qorannichaas asoosama “Waraansa Sammuu” dha.Malli iddatteessuu itti gargaarames tooftaa iddatteessuu mitcarraa keessaa kaayyeffataadha.Maddi ragaaa itti dhimma bahame madda ragaa lammaffaadha. Ragaaleen qindaa"anis jechaan hiikni itti kennamee jira. Argannoowwan qorannoo kanaa: Yoomessa asoosamichaa sirna Iyaadig keessa kan raawwatame yemmuu ta"u uummata Oromoo irratti cunqursaafi hacuuccaan sirnoota darban keessa turan ammalee bal"inaan kan jiruufi gama aadaafi afaan isaa akkaataa barbaadameen hojiirra oolchuun ammalee dhiibbaan kan jiru ta"uu, namfakkiileen asoosama kana keessatti dhiyaatan dhugaa hawaasa keessatti mul"atu kan ibsan jiraachuufi asoosama kana keessatti sirnicha waliin walqabatee falasama Oromoo yeroo Sanaa hanga qeerroo bilisummaatti hacuuccaafi cunqursaa ofirraa cabsuuf taasisaa ture waraansa sammuu ta"ee itti hafuusaa argannoon kun asoosamicha keessatti ifeera. Haaluma kanaan uummanni Oromoo bakkaafi lafa isaa irratti dararamaa jiraate ta"uunsaa kan ibsameedha. QANA"AA (PhD)