Logo Lanfrica

XIINXALA DHIYANNAA HIIKA JECHOOTAA KITAABA AFAAN OROMOO KUTAA SADDEETTAFFAA

Domaine:

natural language processingeducation
Créateur:
TAS
Éditeur:
MAA
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
AXEERARAA   Qorannoon kun mata-duree’Xiinxala dhiyannaa hiika jechoota barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoo gooroo qorannichaa dhiyannaa hiika jechootaa Afaan Oromoo kutaa 8ffaa xiinxaluudha. Galma gahiinsa kaayyoo kanaaf kitaabni barataafi qajeelchi barsiisaa xiyyeeffannoon sakatta’ameera. Gosti qorannoo kanaa qorannoo makaadha.Qorannoo kana keessatti saxaxni ibsaa kan hojiirra ooleedha. Gama biraan meeshaaleen funaansa ragaa qorattuun itti fayyadamte sakatta’a kitaabaati. Haaluma kanaan kitaaba barataafi barsiisonni akka iddattootti filatamani. Sakatta’insa kitaaba barnootaatti aansee hirmaattonni qorannoo kanaa barsiisota Afaan Oromoo barsiisan Shan (5) iddatteeffamaniiru. Barsiisonni iddatteessuu akkayyoo kan filatamaniidha. Malli odeeffannoon ittiin funaaname sakatta’insa kitaabaa, bargaaffiifi afgaaffiidha. Odeeffannoon sakatta’insaa kitaabaafi afgaaffiin argame mala akkamtaan kan qaacceffameefi kan bargaaffiin argame ammoo, mala hammamtaan qindaa’ee qaacceffame. Akka ragaaleen qaacceffaman mul’isanitti, haalli dhiyaannaa hiika jechootaa kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 8ffaa hanqina qabaachuu isaati. Argannoon qorannoo kanaa dhiyaannaan gochaalee hiika jechootaa kitaabicha keessatti argamu hundee jechaa, hiika jechoota tishoo/guuree fi kan kana fakkaataan kitaabicha keessatti gosoota hiika jechootaa jiran waliin walsimsiisuun kan hindhiyaanne ta’uu;   dabalataanis haalli dhiyeessii gosoota hiika jechootaa kitaaba barataa facaatii isaanii garaagarummaa guddaa kan qabuufi maqaan isaanillee kan osoo hin tuqamin hafan jiraachuu, dhiyeessiin hiika jechootaa kitaabichaa maleenya yaaxinoonni ittiin dhiyeessan guuttatee kan hinargamne ta’uufi gochaaleen hiika jechootaa hariiroo walitti dhufeenya jechoonni walii isaanii waliin qabaniin dhiyaachuu dhabuufi fedhii barattootaa kan hinguunneefi hawwatamummaan isaa xiqqachuun haqinoota argannoo qorannichaati. Walumaagalatti yaadni furmaaataa argannoo qorannoo kanarraa ka’uun ka’aman; Warreen sagantaa meeshaalee sirna barnootaa afaanii irratti hojjatan waliigala kaayyoo barnooa afaanii fi haala dhiyeessii hiika jechootaa kitaaba barataa kutaa kanaa faana walsimsiisuun dhiyeessuun,barattoota afaanicha baratanii fi barsiisoota barsiisaniifillee bu’aan isaa daran ol’aanaa ta’uurra darbee guddina afaanichaatiif gahee kana hin jedhamee taphachuu danda’a.Kitaabichi haga qaama   dhimmi isa ilaallatuu argatuutti barsiisonni dhiyannaa maleenya hiikni jechootaa ittiin dhiyaachuu qabu bu’uura taasifachuun barottoota isaanii gargaaruu qabu.               1

Similaires