Logo Lanfrica

XIINXALA SIRRUMMAA CAASLUGAA AFAAN OROMOO KITAABA BARATAA KUTAA KURNAFFAA

Domaine:

education
Créateur:
ZAN
Éditeur:
TAK
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Kaayyoon qorannoo kanaa haala qophii kitaaba barataa Afaan Oromoo bara 2005 kan kutaa 10 gama sirrummaa qabiyyee caaslugaattiin xiinxaluudha. Galma ga’insa kaayyichaattif kitaabni barataa sakattaa’amee jira. Barattoonni kutaa 10 fi barsiisonnii lama iddatteefamanii jiru. Malleen iddatteessuu miti carraa keessaa iddatteessuu akkayyoo(purposive sampling) fi mala iddatteessuu hunda hirmaachisaa (comprehensive sampling) tti fayyadame jira. Iddattoolee kanneen irraa raga walitti qabuuf ammo meeshaalee funaansa raga sakattaa’a kitaaba, bargaaffii fi afgaaffii itti dhima bahee jira. Raga argamee mala qorannoo akkamtaa fi ammamtaa yookaan mala makoon qaacceeffamee jira. Ragaa kana irraas, wantii hubatame dhihaannaan qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10 sirrummaa qabiyyee caaslugaattiin hanqina qabaachu isaatti. Dhihaannaan gilgaala caaslugaa kitaaba kan keessa sirrummaa qabiyyee boqonnaa dhaa gara boqonnaatti hanqini jiru ammo shaakalaa gahaa qabiyyeeen gilgaala dhiyeessuu dhabuu, hawwataa ta’uu dhabuu gilgaala caaslugaa, ulaagaa gaaffii guutachuu dhabuu qabiyyeewwani, ibsa qabiyyeedhaaf kennamee laafaa ta’u, bifa bal’ina qabuun dhihaachuu dhabuu qabiyyeewwani fi fakkeenya gahaa dhabuu dabalaa deemuu dhabuu fi qabsisa gahaa dhabuu qabiyyee hundaaf waliqixa xiyyeeffaannoo laachuu dhabuun sirreeffama kennuu irratti xiyyeeffannoon kan hin kennamneef ta’uu mul’isa. Kanarraa, kan ka’e dhihaannaan qabiyyee caaslugaa kitaaba kana keessa kan barattota haala gaariin hirmaachisuun dammaqinnaan caaslugaa akka baratan kan taasissuu miiti. Qabiyyeen caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 10 boqonaalee keessatti qabiyyeen dhihatan sirrummaa akka qabaataniif sirreeffamni kennamuu qaba. Akkasumsa, ibsa gama sirrummaa qabiyyeettiin gargaaraman barsiisuuf barnoota afaanii kitaaba kanaa kennamuu cimsuun akka barbaachisuuf hanga kitaabni fooyya’uutti barsiisonni tooftaa umuun xiyyeeffannaa keessa galchuun barsiisuu akka qaban, bu’aa qorannoo kanaa irraa ka’anii eruun ni danda’ama
 3

Similaires