Gorsitoota: Dursaa- Wondimmuu Taganyee (PhD, Itti aanaa Piroofeesaraa)
Aantee-Alamuu Waaqgaarii (PhD, Gargaaraa Piroofeesaraa)
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, haala itti fayyadama Afaan Oromoo xiinxaluun, adeemsa itti
fayyadamaa keessatti rakkoolee mudatan adda baasuun yaada furmaataa eeruudha Kaayyoo gooroo
kanas galma ga’uuf, saxaxa qorannoo ibsaafi dhiyaannaa makaa fayyadameera.Qorannoon
kun,dhaabilee barnoota ol’aanaa Afaan Oromoo digrii tokkoffaa kennanirratti kan
xiyyeeffatedha;yunivarsitiiwwan akka iddattootti filatamani: Jimma,Bulee Horaa,Arsiifi Ambo
dha.Maddeen odeeffannoo qorannoo kanaa,barattootaafi barsiisota Afaan Oromoo akkasumas
yaadannoowwaniifi mojuulota barnootaaf qophaa’an yeroo ta’an, hundi isaanii mala akkayyoon kan
filatamani dha.Haluma kanaan, barattootni 20 akkasumas barsiisotni 16 af-gaaffiif akka iddattootti
filataman irraawwatama qorannichaati. Gama kaaniin, jechootni qabiyyee yaadannoo keessaa kaayyoon
iddatteeffaman 120 yeroo ta’an, jechootni mojuuliiwwan akka iddattootti filataman sadan keessaa
haalarratti hundaa’anii kan fudhatamandha.Walumaa galatti, qorannoon kun ragaalee hammamtaa
adeemsa qaacceessa dokimantii keessa guuramaniifi ragaalee akkamtaa adeemsa af-gaaffii barattootaafi
barsiisotaa keessa guuraman walitti fiduun kan xiinxalamedha.Argannoowwan qorannichaas, itti
fayyadamni afaanii barsiisotaa irri caalaan, sirnawaafi waalta’aa/idilawaa kan hintaane
akkasumas haalleen qabatamoo afaanii tokko tokko xiyyeeffannoo keessa kan hingalchine ta’uu
mul’isa;akka feetummaafi hanqinni muuxannoo itti fayyadama loogaa, jijjiirraa
koodii/walmakiinsa afaanii akkasumas jechoota ogummawaa argannoowwan qorannichaa
keessaa kanneen bu’uuraati; akka waliigalaattis, raawwiin itti fayyadama afaanii barsiisotaa
tokkummaa kan hinqabe ta’uutu hubatame.Haalleen itti fayyadamaa akkasii ammoo, qaawwa
gama walquunnamtiin uumamu akkasumas mudaalee milkaa’inaa afaan dhalootaan
barachuutiif Sababa ta’aniiruKanarraa ka’uunis, rakkooleen muuxannoo, gahumsa, malleen
barnootaa, sirna barnootaa akkasumas imaammataan walqabatan kanneen bu’uuraati. Kanaafuu
akka furmaataatti, barsiisota gahoomsuurratti hojjachuu, dokimantiiwwan barnootaaf oolan
tokkoomsuu/waalteessuu, imaammata itti fayyadama afaanii fooyyeessuu, sagantaa/leenjii walitti fufaa
itti fayyadama afaaniirratti hubannoo kennu qopheessuu akkasumas akkaadaamiifi dhaaba qorannoo
afaanii hundeessuun, qaama keessumattuu, afaan waalteessuu,galmee jechootaa qopheessuufi rakkoolee
itti fayyadama afaanii.kaawwaniin walqabatanii mul’atan furuurratti hojjatan gurmeessuun, humna
egereefi guddina Afaan Oromootiif wabii ta’u ijaaruudha.