Logo Lanfrica

XIINXALA HAALAAWWAN WALDHABDEE FURUU MANNEEN MURTII AADAA OROMOO: GODINA WALLAGGAA BAHAA AANAA LEEQAA DULLACHAA

Domaine:

natural language processing
Créateur:
GAM
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Axareeraa Kaayyoon qorannoo kanaa haalaawwan waldhabdee furuu manneen murtii aadaa Oromoo Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Leeqaa Dullachaa xiinxaluudha. Qorannoon kun akaakuu qorannoo akkamtaa keessaa qorannoo sanyaabsaa yoo ta"u, saxaxa qorannoo sanyaabsa riyaalistikiitiin kan saxaxameedha. Maddi ragaa qorannoo kana madda ragaa tokkoffaa yoo ta"u, malli iddatteessuu itti dhimma ba"ame mala iddatteessuu kaayyeffataati. Malli ragaan ittiin funaaname daawwannaa, afgaaffiifi marii garee yoo ta"u, ragaaleen walitti qabaman ammoo mala xiinxala temaatikiitiin xiinxalamaniiru. Qorannoo kanaan, haalaawwan MMA keessatti adeemsifaman seera mataa isaanii kan qabaniifi yoomessa mataa isaaniirratti kan hundaa"an ta"uun beekameera. Akkuma kana, haala yeroo ammaa wajjin wal-qabsiisuuf wantoonni sirna Oromoo ganamaarraa maqan jiraachuun hubatameera. Gama kaaniin, sirna raawwii araaraa buusuu kana keessatti abbootiin murtii aadaa gooroowwan afoolaa garaagaraatti dhimma ba"uun safuu hawaasaa eegsisuu, bu"aa nagaafi araarri maatii, ollaafi hawaasa naannoo tokko waliin jiraatu gidduutti qabu hubachiisuuf dhimma itti ba'aa jiran ta'uun bira gahameera. Dabalataan, wantoonni aadaafi wantoonni garaagaraa sirna raawwii kakaa adeemsisuuf dhihaatan xinsammuu namoota kakaaf dhiyaataniirratti dhiibbaa olaanaa fiduun humna dhugaan qabu akka amanan taasisuuf faayidaa olaanaa akka qaban adda baafamee jira.MMA jiruufi jireenya maatii, ollaafi hawaasa naannoo tokko waliin jiraatu keessatti tokkummaafi jaalaalli akka jiraatu gochuu, safuufi duudhaan ummataa akka eegamu taasisuu keessatti faayidaa guddaa argamsiisaa jiraachuun isaa beekameera. Dhumarratti, waajjirooleen aadaafi tuurizimii, yuunvarsiitiileefi dhaabbileen qorannoo garaagaraa dhimmi aadaa Oromoo isaan ilaallatu hundinuu dhimma mana murtii aadaarratti qorannoo dabalataa geggeessuun, miidiyaaleefi aartistoonni dhageettii qaban xiyyeeffannoo isaanii mana murtii aadaarra gochuun hojii isaanii keessatti waa"ee MMA hammachiisuun,akkasumas, mootummaan gama isaatiin hojii gama MMAtiin eegalame caalaatti cimsuu qabaan yaada furmaataa ta"ee dhiyaateera.

Similaires