Kaayyoon qorannoo kanaa, ittifayyadama Afaanii keessatti hiikdubbiifi malleen dubbii fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu keessatti mul’atan xiinxaluudha. Qorannichi mala qorannoo akkamtaatti dhimma ba’amuun kan adeemsifame yoo ta’u, malli iddatteessuu itti dhimma ba’ames mala akkayyoodha. Daawwannaan suur-sagalee fiilmiiwwan filatamanii immoo mala ragaaleen ittii fudhatamanidha. Ragaaleen funaanamanis yaaxxina mallattummaa bu’uureffachuun kan xiinxalaman yoo ta’an, argannoowwan qorannichaas miidhamniifi cunqursaan jireenya hawaasaa irra gahaa akka ture, hawaasni tajaajila hawaasummaa dhabee du’aafi duguuggaa sanyiif saaxilamaa akka turedha. Akkasumas, hidhamuu, biyyaa baafamuu, hojiirraa ari’atamuufi doorsifama keessa jiraachuu uummata Oromoo yeroo sanaa addeessee jira. Inni biraan, uummanni Oromoo lafaafi qabeenya isaa saamamaa turuu ibsee jira. Karaa biraan immoo, miidhaafi cunqursaa mo’atanii darbuuf iccitii qabachuun, obsuufi falmachuun murteessoo ta’uutu adda ba’ee jira. Walumaagalatti, dhaloonni seenaa kaleessaa akka beekuuf, jiruufi jireenya isaa isa harraa akka hubatuuf, kan boorii immoo akka mal-dhahuuf hojiiwwan aartii keessaa hojiin fiilmii qaamota ilaallatu maraan xiyyeeffatmuu akka qabu qorannoon kun dha’ama. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources , Vol. 2 No. 2 (2024): Joornaalii Dilbii Qorannoo (JDQ) Jildii 2, Maxxansa 2