Logo Lanfrica

Yaadannoo Maxxansa Barruu Fuulaa: Ragaa Quba Keenyaa Barruu Fuulaarra Waggaa Ja'a Dura Dhangalaasnee Barsiisotaaf Dhaamne

Domaine:

natural language processingeducation
Créateur:
Yasin, Abduselam Mohammed
Éditeur:
Zenodo
Hôte:avatar
Maxxansi Kun Yaadannoo Barruu Fuulaati. Nuti akka barsiisaa tokkootti hir'ina haala baruuf barsiisuu biyya keenyaa irratti xiinxala mataa keenyaa taasisuun abbaltii walirraa galagalchuun barattootaa akka fooyya'uu qabu Karaa Barruu Fuulaa keenya kan maqaa "Urjii Gadaa UG" jedhuun banannee itti fayyadamaa turree waggaa Ja'a dura maxxansinee turre. Haga ammaattillee dhimma baruuf fi barsiisuu kana beekumsaa Ayyaantotaa Odaa jalatti dagatamee hafe qorannoon ifa baasnee ifa baasuun fooyyessuu irratti qorannaa geggeessaa Jirra. Dhaabbati barruu Fuulaa dhimma kana irratti waggaa dura waan maxxansine nu yaadachiseera. Tarii Barruu Fuulaa Jennee kan waamnu Kunis isiniif jecha Haaraa ta'uu danda'a. Jecha Afaan Faranjiin "Face Book" jedhamuun beekamu sana Afaan Oromoon Barruu Fuulaa Jennee waamaa jirra. Iddoo bu'een isaas BF akka ta'uu danda'u ifaadha. Hiikkaan hiikkaa kallattii ta'us qorannoo dabalataan fooyyessuun ni danda'ama. Namni hiikkaa kana waliin dalagne Gurmeessaa Atoomsaa jedhama.   Gabaabumatti ragaan suuraansaa asitti maxxanfameera Kun Yaadannoo Barruu Fuulaa har'a ilaalle, yoo ta'u akka ragaa qorannoo saayinsaawaatti akka tajaajiluu asitti maxxansine. LINKII ykn DOI Isaa akka barattootaa fi barsiisota biraan gahuun Qorattoota gara rakkoo kana bu'uurararraa furuutti nuuf waamuun nu jajjabeessitanis abdii qabna.