AXEERERAA
Kaayyoon qorannoo kanaa asoosama miila hinshokoksine keessatti qeeqa koorniyaatiin qacceessuudha. Saxaxni qorannichas saxaxa ibsaati. Meeshaaleen funaansa ragaa hojii irra ooiee sakatta’a dookimantii yoo ta’u; ragaaleen meeshaa kanaan funaanaman immoo gosa qorannoo akkamtaatti gargaaramuun qacceeffamaniiru. Qorataanis,qeeqa adeemsiise kanaan argannoowwan bira gahaman keessa muraasni haala itti aanuun dhiyaataniiru. Asoosama Miila Hinshokoksinee keessatti sababa garaagarummaa koorniyaatiin miidhaan dubartootarra ga’uu akka danda’u bira ga’ameera. Gama birootiin ammoo, dubartootni sababa jireenyaaf jecha qaama isaanii kireessanii jiraatan miidhaa xiinsammuus ta’e, miidhaa qaamaa dubartootarratti qaqqabsiisuu danda’a. Kanaafuu garaagarummaan koorniyaa miidhaa xiinsammuu fiduun isaa argannoo qorannoo kanaa ta’uu danda’eera; Itti dabalees dubartootni dhimmoota akka siyaasaa, hawaasummaa, dinagdeefi qaroominaa keessatti hirmaannaa akka taasisan asoosamichaan calanqisifameera. Dhiibbaa sirnoonni rawwataniin dubartoota gaga’uu caalaa beektoonni sirna hunda hammattoo ta’e osoo diddirirsanii gaarii ta’a. Dubartoonni rakkoo isaan irra gahu akka furaniif hirmaannaan isaanii kallattii hundaan osoo jajjabeeffame gaarii ta’a; akkasumas, iddoo adda addaatti jiraachuudhaaf jecha hirkatanii kan jiraataniif qaama isaanii kireesuun of jiraachisan hayyoonni kallattii gara garaan utuu irratti xiyyeeffatanii hojjatanii gaariidha; hojii og barruu keessatti barreessitoonni gara fuula duratti asoosama barreessuu barbaadan dubartoonni dhimmoota akka siyaasa, diinagdee, hawaasummaafi qaroomina keessatti qooda fudhachuu akka danda’an hubatanii loogii koorniyaa gochuu dhisuudhaan dhugaa jiru jiddu galeessa godhatanii barreessuun gaariidha; dubartoonni barreessitoota asoosamaa ta’uudhaan eenyummaa fi cimina isaanii agarsiisuurratti osoo xiyyeeffatanii dhirootnis ol aantummaa isaanii calaqqisiisuun hafuu danda’a; kanaafuu, dubartoonni akkuma dhiirootaa ogbarruu garagaraa keessatti argisisuudhaan cimina isaanii mirkaneessuun barbaachisaa ta’a kanneen jedhan warreen ijoodha. 1