Logo Lanfrica
  • Home
  • Atlas
  • Insights
  • Docs
  • Sign in

© 2026 Lanfrica. All rights reserved. All copyrights of the resources shown on the Lanfrica website belong to the original copyright holders, unless explicitly stated otherwise.

QAACCESSA GUMAA DANUU: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAA

Domain:

socioeconomic
Creator:
FAY
Editor:
MAA
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Qorannoon kun kan irratti xiyyeeffate raawwii gumaa danuu: haala Godina Baalee, Aanaa Sinaanaa keessa jiru qaaccessuudha. Haaluma kanaan, qorattuun fixaa gumaa danuu Oromoo Tuulamaa Aanaa Sinaanaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun qaaccessitee jirti. Mata dureen qorannoo kun akka qoratamu ka`umsa kan ta`e; gumaan danuu gama nageenyaafi tasgabbii uummataa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uun osoo beekkamuu, xiyyeeffannoon gumaadhaan dubbii fixachuu caalaa gama seera idileetti deemuun bal’innaan mul’achuu isaati. Haaluma kanaan, madda ragaa qorannoo kanaa kan ta’an maanguddoonni Aanaa Sinaanaa keessaa dhimma fixa gumaa irratti hirmaachaa turan tooftaa eddattoo mit-carraa akkayyoo fi darbaa dabarsaatti jedhamee beekkamuun filatamanii jiru. Meeshaalee ragaan qorannoo ittiin funaanaman daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannaatiin yoo ta’u mala akkamtaatti gargaaramuun ragaaleen kunniin xiinxallamee jira. Bifa kanaan, ragaa qaacceffame kanarraa, argannoowwan qorannoo adda bahankanneen armaan gadiiti. Isaanisgumaan danuu kan bahuu namni nama biroo harkatti akka tasaa kan du’e yoo ta’u; Jaarsi Tuulamaa bahe jaarsota gosa lamaanii wajjiin ta’uun galtee kana ilaala. Yoo abbaan yookan gosti daneesse sun amane, waan jilbi gumaan danuu qabduun dhumata. Yoo garuu, kan didu ta’e, bokkuun murtii akka laga hin ceene, gabaa hin baane, yoo namni jalaa du’e irraa akka hin awwaalamne, gosa biroo irraa intala fuudhuufi ittis gurguruu akka hin dandeenye, walumaagalatti hanga guyyaa gumaa kanaa ofirraa fixutti dubbii Oromoo kamiyyuu keessatti bahee dubbachuu akka hin dandeenye itti murtaa’a. Dhumarratti, ajjeechaa uummame seera gumaa danuu qabduun fixatan kun akka dagaaguuf, aanicha keessatti qaamonni seeraa haala cimina qabuun abbootii Gadaa fi jaarsota waliin hariiroo gaarii uumuudhaan waliin hojjechuun baarbaachisaadha jechuun qorattuun yaboo jettee jirti.

Visit

doi.orgzenodo.org

Languages

CentúúmHangaJiruKaanMadaMbayOromo, Borana-Arsi-GujiOromo, EasternOromo, West Central

Licenses

Creative Commons Attributionhttp://www.opendefinition.org/licenses/cc-byOpen Accessinfo:eu-repo/semantics/openAccess

Similar

QAACCESSA GAHEEWWAN SHEEKKOON BINEELDOOTAA IJOOLLEE WAGGAA 8-17 TIF QABU HAALA QABATAMA GODINA BAALEE AANAA SINAANAAQAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO SOBA BALAALEFFATAN (HAALA QABATAMA GODINA BAALEE, AANAA GAASARAA)Faddama Afaanii Mana Murtii Aadaa Ganda Hora Booqaa: Haala Godina Baalee Aanaa SinaanaaQACCEESSA AFWALALOO YEROO QONNAA SANGOOLEE FAARSUUFI NAMOOTA HOJIIF KAKAASUU: HAALA GODINA BAALEE AANAA SINAANAAFAYYADAMA AFAANII SIRNA FUUDHAAFI HEERUMA GABBARA OROMOO SIKKOO MANDOO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAAQACCEESSA MEESHAALEE ULFOO AADAA OROMOO GODINA BAALEE, AANAA SINAANAA

QAACCESSA GAHEEWWAN SHEEKKOON BINEELDOOTAA IJOOLLEE WAGGAA 8-17 TIF QABU HAALA QABATAMA GODINA BAALEE AANAA SINAANAA

Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gahee sheekkoon bineeldota ijoolleef qabu qaaccessuun ibsuu irratti x

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO SOBA BALAALEFFATAN (HAALA QABATAMA GODINA BAALEE, AANAA GAASARAA)

Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, qabiyyee mammaaksota Oromoo soba balaaleffatan qaaccessuun ergaa isa

Faddama Afaanii Mana Murtii Aadaa Ganda Hora Booqaa: Haala Godina Baalee Aanaa Sinaanaa

Qorannoon kun kan geggeeffameef Godina Baalee, Aanaa Sinaanaatti itti fayyadama afaanii mana murtii

QACCEESSA AFWALALOO YEROO QONNAA SANGOOLEE FAARSUUFI NAMOOTA HOJIIF KAKAASUU: HAALA GODINA BAALEE AANAA SINAANAA

Kaayyoon qorannoo kanaa afwalaloo yeroo hojii qonnaa sangoolee faarsuufi namoota hojiif kakaasuu haa

FAYYADAMA AFAANII SIRNA FUUDHAAFI HEERUMA GABBARA OROMOO SIKKOO MANDOO: HAALA GODINA BAALEE, AANAA SINAANAA

Qorannoo kana gaggeessuudhaaf wanti qorataa kakaase, gabbaranii fuudhuu keessatti
Oromoon Sikkoo

QACCEESSA MEESHAALEE ULFOO AADAA OROMOO GODINA BAALEE, AANAA SINAANAA

Qorannoon kun boqonnaa tokkoo seenduubee qorannoo irraa kaasee hanga boqonnaa shaniitti tartiibaan q