Logo Lanfrica

QAACCESSA QABIYYEE MAMMAAKSOTA OROMOO SOBA BALAALEFFATAN (HAALA QABATAMA GODINA BAALEE, AANAA GAASARAA)

Domain:

healthcare
Creator:
BAL
Editor:
MAA
Publisher:
Zenodo
Host:avatar
Kaayyoo gooroon qorannoo kanaa, qabiyyee mammaaksota Oromoo soba balaaleffatan qaaccessuun ergaa isaanii adda baasuudha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi saxaxa qorannoo ibsaa ttigargaaramuun geggeeffame. Maddi ragaa qorannichaa, madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Kanaaf, akka madda ragaa tokkoffaatti gargaaramuun mala afgaaffifii marii garee xiyyeeffataatiin namoota odeeffannoon irraa funaaname, maanguddootaafi haawwan Oromoo waa’ee mammaaksaa gadifageenyaan beekan irraa yoo ta’an maddi ragaa lammaffaa kitaabbilee afoolaa sakatta’uun ragaaleen qorannichaa sassaabamee jira, malli iddattessuu ammoo, idaattessuu miti-carraa yoo ta’u, gosa iddatteessuu kanneen keessaa iddatteessuun dhimma itti bahame iddattessuu akkayyoofi darbaa dabarsaati. Qorattuun odeeffannoo ragalee walitti qabatte qaaccessitee jirti. Haaluma kanaan mammaaksota Oromoo soba balaaleffatan adda addaa kan hawaasni itti fayyadamu akka jiran bira ga'amee jira. Faayidaalee kanniin keessaa mammaaksotni Oromoo soba balaaleffatan sababni mammaakamaniif sobni ummata biratti barbaachisaa kan hin taanefi kan goonkumaa hin deeggaramne ta’uu ibsuuf kan mammaakaman yoo ta’u; mammaaksotni akkanaa kunniin nama sobu balaaleffachuuf, akeekkachiisuuf kan oolan ta’uu, mammaaksotni kunniin miidhaa sobaa ifatti agarsiisaa soba kan balaaleffataniidha. Dabalataan hawaasa keessatti mammaaksota Oromoo soba balaaleffatan fayyadamuun faayidaalee akka namni hin sobne gorsuuf, kijibaa saaxiluuf, walumaagalatti soba balaaleffachuuf gahee olaanaa qabaachuun isaanii mirkanaa’era. Dhuma irratti hawaasni Oromoo mammaaksotatti dhimma bahuun soba balaaleffachaa jiran kana haaluma ammaa kanaan jabeessanii dhimma itti bahanii dhugaan waliin jiraachuu akka jajjabeessan, namoonni walgahii gaggeessan akkasumas maanguddoonni jaarsummaa keessatti yeroo gara garaa waltajjii gara garaa irratti bakka namoonni hedduun argamanitti mammaaksota Oromoo soba balaaleffatan ibsan osoo baay’inaan itti fayyadaman ummmata barsiisuufis ta’ee gorsuun mammaaksonni osoo jiranuu dhokatanii hafan kun akka ifa bahaniifi hawaasnis akka itti fayyadamu, dhaloonni haaran haaluma abbootiin itti gargaaramaniin itti fufsiisuu akka qaban qorattuun yaboo jettee jirti.2

Similar