Qorannoon kun boqonnaa tokkoo seenduubee qorannoo irraa kaasee hanga boqonnaa shaniitti tartiibaan qophaa’ee kan taa’eedha. Qorannoo kana gaggeessuuf qoraticha kan kakaase meeshaaleen ulfoo aadaa oromoo dhimmoota garagaraatiif tajaajila garagaraa waan kennaniif akka ani qorannoo irratti gaggeessuuf na hawatee jira. Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa meeshalee ulfoo aadaa Oromoo Godina Baalee Aanaa Sinaanaa qaaccessee dhiyeessuudha. Daangaan Qorannoo kanaas Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Aanaa Sinaanaa yoo ta'u Qabiyyeenis Meeshaalee Ulfoo Aadaa Oromoo Godina Baalee Aanaa Sinaanaa irratti kan xiyyeeffatudha. Kanas ammoo malleen adda addaatti kan gargaaramnuudhaa. Irraawwatamni isaas hawaasa Godina Baalee aanaa Sinaanaa keessaa jiran warroota hubannoo waa’ee kanaa irratti qaban irraa yaada fudhachuudha.
Malli qorannoo kanaa mala qorannoo akkamtaa yoo ta’u innis odeeffannoo karaa jechaatiin gadifageenyaan dhiyeessuuti. Maddi odeeffannoo madda ragaa tokkoffaadha. Malli iddattoo filatamee dhiyaateen ammoo gosa iddattoo miti-carraadha. Malleen ragaaleen qorannoon kun ittiin funaannaman af-gaaffii, marii garee fi Daawwannaadha. Kanuma irratti hundaa’uudhaan argannoon ijoon qorannichaa, Ilaalchii meeshaalee ulfoo aadaa oromoo kanaaf sadarkaa garagaraatti kennamu ol’aanaa ta’uu isaa hubadhee jira.
Akkasumas, bakka garagaraatti Kabajniifi safuun meeshaalee kanneeniif gama adda addaatiin jiru ni muldhata. Gama aadaatiin ilaalchi jiru haala kabajaa addaafi kunuunsa qabuun safuufi soda guddaan kan kennamuuf ta’uu isaati. Karaa aadaa Oromoo ammayummaafi kallattii garagaraa, yeroo eebbaa (kadhannaafi dhiphinaafi baldhinnaa, mana, galma, malkaa, tulluu, dirree fi bakka kana fakkaatanitti hojii irra kan oolaa jiru ta’uu isati.6