Kaayyoon ijoon qorannoo kanaa adeemsa fuudhaafi heerumaa keessaa walgaraa Oromoo Baalee Aanaa Sinaanaa qaaccessuudha.Haaluma kanaan qorattuun yaaxxinaalee qorannooirra deebi’anii ijaaruu, faayidaafi yaaxxina haalawaatti akkasumas saxaxa qorannoo addeessaatti gargaaramuun qorannoo kana gaggeessitee jirti. Qorattuun tun madda ragaa jalqabaatti fayyadamuun qorannoon kun geggeeffamee jira. Gandoota Aanaa Sinaanaa keessaa gandoota
sadi, jechuunis ganda Kabiira Shaayyaa, Hawshoofi Qaasoo Sheekmaraa filachuuf tooftaa iddatteessuu akkayyootti akkasumas, gandoota kanniin keessaa odeef-kennitoota filachuuf iddatteessuun darbaa dabarsaa fayyadamtee jirti. Ragaa qorannoo afgaaffifi marii gareetti
gargaaramuun funaannamee jira.Ragaalee argaman mala akkamtaatti gargaaramuun qaaccessuun hiikni itti kennamee jira. Qaaccessa taasifameen bu’aan argame akka mul’isutti Oromoo Baalee Aanaa Sinaanaa biratti Gosoota gaa’ilaa dur irraa kaasee raawwatamaa turan keessaa tokko walgara yoo ta’u; adeemsota fuudhaafi heeruma walgaraa keessatti raawwataman raawwilee fuudhaafi heeruma gabbaraa keessatti kan raawwatamaniin walfakkaataadha. Akkasumas, fuudhaafi heeruma walgaraa kana wanta isa adda godhu keessaa tokko fuudhaafi heerumni walgaraa firummaa cimsuufi maatii gurbaafi intalaa jedduutti walitti dhufeenya gaarii uummama.Gama biraatiin walgarri gosa fuudhaafi heerumaa dandeettii diinagdee warra wal fuudhuu ilaalcha keessa galchuudha.Sirni gaa’elaa walgaraa qabeenya warra wal fuudhuu qusachuun baay’ee beekkamaa waan ta’eef iddoo guddaatu kennamaaf.Fuudhaafi heerumaa walgaraa irratti, sababoota fuudhaafi heeruma walgaraa kana akkaataa aadaa ganamaa ittiin raawwatamaa tureen raawatamuu dhabuun walqabatee
jijjiiramni nijira. Kun immoo kan agarsiisuu aadaa kana keessaatti wantootni baay’een akka dagatamaa deemaa jiraniifi fuudhaafi heerumni kun darbee darbee akka dhiisamaa jirullee ragaa argame irraa hubachuun danda’ameera. Haata’u garuu qaamonni dhimmi kun isaan ilaallatu hundi miidhaawwan fuudhaafi heerumni kuni qabu hambisuun yookan xinneessuun akkasumas ciminoota fuudhaafi heerumni kuni gama hawaasummaafi diinagdeetiin inni qabutti
fayyadamuudhaan fuudhaafi heeruma walgaraa kana itti fufsiisuun barbaachisaadha jechuun qorattuun yaboo jettee jirti. 3